Irreecha Hora Finfinnee Irratti Namootni 184 Ol Taโ€™an Hidhattoota Mootummaa Bilxiginnaan Hidhaman

Irreecha Hora Finfinnee Irratti Namootni 184 Ol Taโ€™an Hidhattoota Mootummaa Bilxiginnaan Hidhaman
Britons are never more comfortable than when talking about the weather.John Smith, Flickr.

Maecenas mauris elementum, est morbi interdum cursus at elite imperdiet libero. Proin odios dapibus integer an nulla augue pharetra cursus.

Irreecha Hora Finfinnee Irratti Namootni 184 Ol Taโ€™an Hidhattoota Mootummaa Bilxiginnaan Hidhaman

[SBO – ONKOLOOLESSA 04,2022] Jal-bultii Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee irraa qabee Qeerroo hedduun humnoota tikaa mootummaa Bilxiginnaan bakka addaa addaatii butamanii hidhamaanii jiru.

Dargaggoo Hunduma Sarbeessa Godina Addaa magaalaa Sulultaa kan tahe Fulbaana 30,2022 jalbultii kabaja Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti butamee eessa akka jiru hin beekamne. Maatii fi hiriyootni isaas quba hin qaban.

Dargaggoo Aleex Taayyee jedhamus mana jireenya isaa magaalaa Finfinneetii qabamee hanga ammaatti eessa akka buusame hin baramin jira.

Irreecha Hora Finfinnee irraa namootni 184 ol taโ€™an balโ€™eessaa tokko malee hidhattoota sirna PPn qabamanii mana hidhaa tokkotti hidhamuu kan gabaasan maddeen keenya, kanneen keessaa 164 bultii lama booda yo gadhiisan illee, namootni 20 hanga ammaatti hidhaa irraa hin gadhiisamin akka jiran hubachiisu. Academy Poolisii Finfinneetti namootni 18 ol taโ€™an hidhamanii akka jiranis ibsameera.

Irreecha Hora Arsadii irrattis dargaggootni rifeensi isaanii dhedheeraa taโ€™e humnoota hdhattoota mootummaan qabamuu kanneen ijaan argan gabaasaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO