๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐š๐š ๐๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐–๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š

๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐š๐š ๐๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐–๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š
  • Comfort
  • Safety
  • Speed
  • Price

Final Verdict

There are lots of โ€˜maysโ€™ and โ€˜shouldsโ€™ here, because while impressions can be formed about the look and feel of a phone quite quickly, OS, processor and camera testing take a longer look.

๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐š๐š ๐๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐–๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š Barsisaa Qannaa Wayyeessaa abbaa isaanii Obbo Wayyeessaa Gurmuu fi haadha isaanii Adde Taasisee Disaasaa irraa Caamsaa 12, bara 1943 tti Lixa Oromiyaaย  Godina Qeellam Wallaggaa, Ona Sayyoo Ganda Qonnaan Bulaa Samarroo iddoo addaa Tuulama jedhamutti dhalatan. Ilmi Obbo Wayyeessaa Gurmuu Bara ijoolluummaa isaatti akkuma ijoollee qonnaan bulaaย  kamiittiย  horii tiksuu

๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐š๐š ๐๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐–๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š

Barsisaa Qannaa Wayyeessaa abbaa isaanii Obbo Wayyeessaa Gurmuu fi haadha isaanii Adde Taasisee Disaasaa irraa Caamsaa 12, bara 1943 tti Lixa Oromiyaaย  Godina Qeellam Wallaggaa, Ona Sayyoo Ganda Qonnaan Bulaa Samarroo iddoo addaa Tuulama jedhamutti dhalatan.

Ilmi Obbo Wayyeessaa Gurmuu Bara ijoolluummaa isaatti akkuma ijoollee qonnaan bulaaย  kamiittiย  horii tiksuu fi qonnaan maatii isaa gargaaraa kan guddate yommuu taโ€™u, umriin isaa baruumsaaf yomuu gahu mana baruumsaa seene.

Barnoota isaa ilaalchisee sadarkaa 1ffaa Magaalaa D.Doollootti kan argamu mana barumsaa Birhane Iyyasuus, sadarkaa giddu galeessaa kutaa 7-10 achuma D.Doollootti kan argamu M.Barumsaa Beez jedhamutti barate.

Barsiisaan Qannaan bara ijoollummaa isaa xumuree yeroo dargagummaa isaatti carraa barumsaa barsiisummaa argachuudhaan leenjii barsiisummaa TTI Magaalaa Asmaraatti waggaa 2f barachuudhaan xumureera.

Bara dargagummaarraa gaโ€™eesumatti ceehan fedhii fi jaalala barumsaaf qaban daangaa waan hin qabneef, barnoota isaanii olaanaa itti fufuudhaan kolleejjii barsiisoota kotobee irraa dippiloomadhaan baratanii xumuranii eebbifamanii jiru.

Barsiisaan Qannaan, bona bona hojii barsiisummaa hojjachuudhaan ganna ganna Univarsiitii F.F. tti damee 6 kiilootti waggaa dheeradhaaf erga baratanii booda gosa barnootaa โ€œ foreign language and literatureโ€ dhaan digirii isaanii jalqabaatiin eebbifamanii jiru.

Bar. Qannaan Univarsiitii biyya Hindiitti argamu irraas digirii isaanii 2ffaa barnoota Sociology dhaan maastarsii isaanii fudhatanii jiru.

Haala hojii Barsiisaa Qannaa ilaalchisee leenjii barsiisummaa Asmaaraa irraa akka eebbifamaniin Magaalaa Gimbiitti ramadamuudhaan mana barumsaa Gimbiitti hojii isaanii tokko jedhanii jalqaban.

Achii booda Magaalaa D.Doollootti jijjiiramuudhaan barsiisaa kan turan yommuu taโ€™u marsaa itti aanuuf yeroo 2ffaaf gara M.Gimbiitti geeddaramuudhaan muuxannoo fi kakaโ€™umsa hojiif qabaniin bara 1986 Qajeelcha barnoota Wallagga Lixaatti, Itti gaafatamaa deeggarsa barnootaa taโ€™uudhaan hojjachaa turaniiru.

Dhumarrattis hanga umuriin isaanii gahee soorama bahaniitti Magaalaa Ambootti ramadamuudhaan Mana Barumsaa Olaanaa (High School) Ambootti barsiisaa Afaan Ingilzii taโ€™uudhaan barsiisaa turaniiru.

Kana malees Bar. Qannaan Univarsiitii Amboo fi Kolleejjii Hayyoomeetti Afaan Ingilizii barsiisaa turaniiru.

Jireenya Hawaasummaa Bar. Qannaa Wayyeessaa ilaalchisee,ย  nama gaarii, nama garraamii, qulqulluu akka bishaanii, kabajaa fi jaalala namaa nama qaban, ilma namaa hunda ija tokkoon kan ilaalaan, dubbatanii kan nama hin quuqne fi gaarii malee hamaan afaan isaanii keessaa nama hin baanedha.

Bar. Qannaan yeroo hunda bakka deemanitti waaโ€™een Sabboonummaa, waaโ€™een Oromoo fi Oromummaa Afaan isaanii keessaa baโ€™ee hin beeku. Sababa kanaaniis bara jireenya isaanii sirnoota abbaa irree Ethiopia darbaniin hidhaa fi dararaan heedduun isaan irra gahaa tureera.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti misensa taโ€™uudhaan dirqama dhaabni isaanii itti kennu fudhachuu dhaan qooda isaan irraa eegamu bahachaa akka turan jaallanii fi hiriyoonni Barsiisaa Qannaa ragaa bahu.

Barsiisaan Qannaan Oromiyaa keessa taaโ€™anii bobaa diinaa jalatti gumaacha qabsoo akkamii akka kennaa turanii fi haala akkamii keessatti maal maal hojjatanii akka darbanii fi dararamni akkamii akka isaan irra gahaa ture jaallan qabsoo isaanii fi Hiriyyoota isaanii kan taโ€™an kanneen akka Abbaa Caalaa Lataa, Baqqalaa Garbaa, Dheeressaa Qixxee,ย  ย Ashabbir Ooncoo fi kan biroos jaallan Barsiisaa Qanaโ€™aa itti dhiheenyaan beekan akka taโ€™an dubbatu maatiin Barsiisaa Qanaโ€™aa.

Bar. Qannaan barsiisummaan alattis Seenaa, Aada fi Afoolaa Afaan Oromoo irratti qorannoo geggeesaa turuudhaan kitaaboota gara garaas maxxansiisuudhaan hawaasa Oromootiif gumaachanii jiru.

Gama kanaan hojiiwwaan hojjataa turan keessaa:-

๏ƒ˜ Bara 1969 koree Aadaa Guddituu kan Ona ย Sayyoo qindeessuudhaan hojii boonsaa taโ€™e hojjataniiru.

๏ƒ˜ Bara 1970 Wallaga Lixaa Innaangootti Sirni Gadaa akka kabajamuuf gumaacha olaanaa waan taasisaniif aangawaa olaanaa Darguu kan ture nama Nugusee Fantaa jedhamuun qabamanii Mooraa waraanaa Borxaa fi karchallee D.Doollootti waggaa 1 ol hidhamanii jiru.

๏ƒ˜ Bara 1984 yaadannoo ayyaana tumaa Makkoo Billii M.Dambi Doollootti kabajame irratti koree qindeessituu sagantichaa taโ€™uudhaan gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Kitaaboota Bar. Qannaan barreessaan keessaa Kitaaba Huuruu Harree fi Abdiisaa koo jeadhaman maxxansiisudhaan gabaarra oolchanii jiru. yeroo ammaa kana ammo kitaaba sadi barreessanii xumuranii maxxansiisudhaaf otoo qophii irra jiranuu guyyaan oolchaa hin qabu, guyyaan isaanii geenyaan duโ€™aan addunyaa irraa godanan.

Kana maleesa kitaaba qabsaaโ€™aa buleeyyii Abbaa Caalaa Lataa mata duree โ€œ Jireenya fi Qabsoo ABOโ€ jedhun dhiyeenya maxxanfamee gabaarra oolee halkanii fi guyyaa taaโ€™anii gulaaludhan gumaacha olaanaa akka godhan maatiin Barsiisaa Qannaa Seenaa jireenya isaanii kana keessatti dubbatu.

Obbo Qannaa Wayyeessaa bara 1968 haadha warraa isaanii Adde Maartaa Maammoo waliin ijoollumaadhaan wal fuudhanii, wajjin guddatanii, waliin hanga guyyaa lubbun darbutti kan waliin jiraachaa turan yommuu taโ€™u ijoollee fi qabeenyaas waliin horanii jiru.

Bar. Qannaan abbaa ijoollee dhiiraa 4 fi durba 3 walumatti abbaa ijoollee 7 turan. Dhukkubsatanii Hospitaaloota biyya kana keessatti jira jedhaman adda addaa keessaatti yaallamanii, akkasumas haadha warraa isaanii fi ijoolloota isaanitiin halakaniif iguuyyaa otoo kunuunfamaa jiranuu ilma namaatiif kamiifuu kan hin oolleen dhalatanii ganna 72 tti Fulbaana 18 bara 2015 addunyaa kana irraa duโ€™aan boqotaniiru.

Bar. Qannaa Lubbuu isaanii jannataan yaaqananiisu, boolโ€™a isaanii daadhiin yaaguutu, maatii, firoottan fi hirioyoota isaaniif jajjabina yaa kennuuf jechaa Sagaleen Bilisummaa Oromoo gadda itti dhagahame ibsata.

Qabsaawaan ni kufa Qabsoon itti fufa!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO