D U U L A H U M N A A F I D U’ A B I L A A S H A A Addunyaa kana irratti irra caalaan namni kan lolu kaayyoof ykn jaalala biyya isaatiif jedhee ti. Akkasuma kan faayidaaf ykn dirqamee lolaaf bobbaafamus ni jira. Seenaa sirnoota impaayera Itoophiyaa keessatti kan
D U U L A H U M N A A F I D U’ A B I L A A S H A A
Addunyaa kana irratti irra caalaan namni kan lolu kaayyoof ykn jaalala biyya isaatiif jedhee ti. Akkasuma kan faayidaaf ykn dirqamee lolaaf bobbaafamus ni jira.
Seenaa sirnoota impaayera Itoophiyaa keessatti kan humnaan dargaggoota gara adda waraanaatti duulchisaa ture Dargii dha. Dargiin yeroo aangoorra turetti humna waraanaatiin akka addunyaattuu beekamaa ture. Lola humnoota hidhatanii isa lolaniin caalamaa dhufuu isaa gaafa hubatu humnaan dargaggoota ukkaamsee adda waraanaatti ergaa ture. Baroonni Dargii irra caalaan isaa lola keessoo fi alaatiin beekama. Bara Ziyaad Baarree Somaaliyaa bulchetti, Itoophiyaan sirna Dargiitiin bultu Adoolessa 13, 1977 hanga Bitootessa 23, 1978tti (baatilee 8 fi guyyaa lamaaf) lola cimaa lubbuu kumaatamaa galaafatetti waliin turan.
Sirna Hayilesillaasee gara boodaa Fulbaana 01,1961 irraa eegalee hanga Caamsaa 24,1991 walabummaa ishii labsattutti, waggoota 29, baatii 8 fi torban lamaaf Eritiriyaanis Dargii bara aangoo isaa guutuutti lolaa turte. Addi Bilisummaa Oromoo fi ABUT/TPLF fa’as humnoota jajjaboo sirna Dargii lolaa turanii fi dhuma irra isa kuffisan keessaa angafoota.
Keessattuu Dargiin lola Eritiriyaa (EPLF) waliin godhaa ture keessatti dhaadannoo “Eritiriyaan cituu irra mormi keenya cituu wayya” jedhuun ummata kakaasee gara leenjii waraanaatti galchaa ture. Sunis humna isaa dadhabsiisuu fi faffacaasuu irraa baraaruu hanqannaan dargaggootaa fi ga’eessota humnaan ukkaamsee gara adda waraanaatti guuraa ture. Haati ilmoo boossee geggeessuuf dirqamte. Keessattuu ilmaan Oromoo fi ummatoota Kibba impaayerattii kumaatama hedduun lakkaaawaman, kanneen qaamota wal waraanan illee maqaadhaan adda baafatanii hin beekne gammoojjii Eritiriyaa fi Tigraay keessatti dhidhimanii hafan. Dargiin maqaa Itoophiyaa diigama irraa baraaruu jedhuun barcuma of jalatti tikfachuuf lubbuu dargaggootaa fi ga’eeyyii kuma dhibbootaan lakkaaawaman ficcisiisu illee kufaatiin isaa hin hafne. Lolli sun lubbuu dhala namaa fi dinagdee biyyaa nyaate malee sirna Dargii bara baraan hin jiraachisne; warra biyyaa fi bilisummaaf lolaa turanis kaayyoo isaanii irraa hin hanqisne.
Eritiriyaan Caamsaa 1991 walabummaa ishee labsattee biyya taatu illee dhaaba waayila ishee ture kan aagoo Itoophiyaa dhuunfate TPLF waliin wal waraansatti seente. Caamsaa 1998 irraa hanga Waxabajji bara 2000tti daangaa Tigraay fi Eritiriyaa gidduutti lola jabaa taasifameen dargaggoonni Oromoo fi saboota cunqurfamoo kuma dhibba tokko (100,000) caalan gammoojjii Baadimmee fi Tsoronaa keessatti lola isaan hin laallannee fi kaayyoo hin qabneef dhuman. Lola kana irratti TPLF/EPRDF dargaggootaa fi ga’eeyyota, addatti ammoo miliishota humnaan adda waraanaa geessaa turte. Lolli kun waggoota lamaaf haala hamaa taheen geggeeffamaa turus lolli qabbanaawaan hanga bara 2018tti ittuma ture. Ammas bifa jijjiirratee ittuma jira.
Murni Adda Bilisummaa Ummata Tigraayiin gammoojjii Tigraay bakka Aadet jedhamu keessatti bixxilamee waggoota 27f ergamaafii turuun qabsoo fi dhiiga Qeerrootiin aangoo dhuunfate abbaa isaa waliin wal loluun waggoota lamaan dabran lubbuu dargaggoota kumaatamaa itti gabbaraa jira. Waraana Bilisummaa Oromoo waliinis waggoota afran kana guutuu walitti fufiinsaan lola ulfaataatti jira. Lola kanneen irratti humna isaa fixataa deemuun humna haaraa duubaan itti leenjifataa deemuuf waan rakkaateef, dargaggootaa fi daa’imman umriin isaanii waggaa 15 gadii Oromiyaa mara keessaa humnaan ukkaamsee mooraa leenjii geessuun baatii lama qofa leenjisee adda waraanaatti ergaa jira. Manneen barnootaa, manneen hidhaa fi daandii irraa butamuun ilmaan iyyeessaa humnaan duulsifamanii irbaata rasaasaa tahuutti jiru.
Daa’imman hamaa fi tolaa illee qajeeltootti adda hin baasatin rasaasaa fi dhuka’aa meeshaalee gugurdaatti oofuun dhiigni ijoollummaa isaanii akka bishaaniitti akka jigu, lubbuun isaanii akka ba’u, yeroo malee qaamaa hir’atanii karaatti akka hafanii fi ba’aa hawaasaa akka ta’an gochuun yakki murni Bilxiginnaa raawwatee fi ammallee itti jiru suukanneessaa dha.
Akkuma Dargiin maqaa ‘Itoophiyaa diigamuu irraa baraaruu’ jedhuun ummataa fi dargaggoota kakaasee dirree lolaatti geeffachuuf carraaqaa ture; murni Abiyyiin durfamus maqaa tooftaa kanaan milkaayuufii didnaan humnaan dargaggootaa fi daa’imman qabanii ibiddatti naqanii akka qoraaniitti bobeessanii ittiin aangoo ofii tikfataa jiran. Oromiyaa mara keessatti addatti ammoo godinoota Harargee lameenii fi Godina Jimmaa keessatti taateen kun bal’inaan raawwatamaa jira. Ilmaanii fi firoonni kaabinootaa garuu miliishaa fi waraana tahan illee gara adda waraanaatti ergamaa hin jiran. Aangoo kaabinootaa kana tiksuuf ilmaan qonnaan bultootaa fi horsiifattootaatu dhumataa jira.
Ilmaan Oromoo jumlaan karaa irraa qabuun hidhanii dirree waraanaatti guuraa jiran. Dureeyyiin ilmaan isaanii maallaqa guddaa kaffalanii yoo baafatan, ilmaan iyyeessaa garuu dirree lolaa dhaqanii dhumuu malee filannoo biraa hin qaban.
Gidduu kanas barattoota Oromoo qormaata seensa yunivarsiitiif, yunivarsiitiilee keessatti qoramuuf deeman murni PP humnaan ukkaamsee mooraa leenjii waraanaa geessaa jira.
Murni Bilxiginnaa ummata keenya kan manaa fi bakka hojii isaatti ajjeesaa oolu xiqqaannaan, humnaan adda waraanaa geessee kichuuwwan ilmaan haadha iyyeessaa ficcisiisaa jira. Kun ammoo ummanni Oromoo tokkummaadhaan ka’ee falmachuu fi diddaa isaa mul’isuu waan hanqateef diinni ilmaan isaa gola keessaa humnaan butee ibiddatti naqee ittiin aangoo isaa tikfata.
Ammas falli jiru tokkichi ummanni Oromoo tokkummaadhaan ka’ee fincilee sirna dhiiga ilmaan iyyeessaatiin daldalu kana buqqisuu dha. Dargaggoon Oromoo kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoof hiriiruu fi finciluu qaba malee, usee mana taa’ee hanga humnaan qabamee lubbuu isaa diinaaf gabbaruutti eeguu hin qabu. Mana keessatti taa’anii du’a eeguunis tahe teessoo diina ofii tiksuuf humnaa fi gowwoomsaa adda addaan dirree waraanaa geeffamuun dargaggoota Oromoof gahuu qaba. Gowwoomsaa mindaa ykn maallaqaanis lubbuu ofii bakka bu’aa hin qabne bal’eessuunis waan hin malle. Dargaggoon Oromoo aarsaa fi wareegama bilaashatti diinaaf baasu kana gara Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti jijjiiruu qaba. Kana gochuuf ammoo Qeerroon Oromoo dursee kaayyoo kanaaf wal gurmeessee ka’uu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *