๐ผ๐ข๐๐ฃ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐ฃ ๐๐๐ง๐๐๐ง ๐ฆ๐ค๐ค๐๐๐ฃ๐๐ ๐ง๐ช๐ ๐ช๐ฉ๐ช๐ช๐ ๐จ๐๐๐ง๐ ๐๐๐๐ฃ๐ค๐ฉ๐๐๐ฃ ๐ญ๐๐ญ๐๐ข๐ ๐๐๐๐๐ฃ๐๐ ๐๐ช๐ง๐ข๐ช๐ช ๐๐ค๐ ๐ ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐ ๐ฝ๐๐ก๐๐จ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐จ๐๐๐ฃ๐๐๐ ๐ฌ๐๐๐๐๐ ๐ฌ๐๐ก๐๐๐ฃ ๐จ๐๐๐ฃ๐๐ฃ ๐๐ง๐ง๐๐ฉ๐ฉ๐ ๐ฌ๐๐ก๐๐๐ฃ ๐๐๐๐๐๐ฃ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐ชโ๐๐ ๐ฌ๐๐ก๐๐๐ฃ ๐ช๐ฃ๐๐ฉ๐๐ฃ๐๐ ๐๐ค๐ค๐กโ๐ ๐ฉ๐ค๐ ๐ ๐ค๐ฉ๐ฉ๐ ๐๐ฌ๐ฌ๐๐๐ก๐๐ข๐ช๐ช ๐๐จ๐๐๐ฃ๐๐ ๐ฉ๐.
Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Ilaalchisee Dhaamsa ABO
Gumaan Goototaa Milkaaโuu Qabsoo Bilisummaa Oromoon Baafama!

Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Ilaalchisee Dhaamsa ABO
Miseensotaa fi deggertoota ABO, qabsaawotaa fi sab-boontota ilmaan Oromoo hundaa, waliigalatti ummata Oromoo balโaa, baga Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo kan bara kanaa 2026โn isin gahe, nuun gahe jenna.
Guyyaan Goototaa Ebli 15, guyyaa goototni lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabnee fi kennaa hundaa olii mararfatnaan alatti, harqoota gabrummaa caabsuuf, kabajaa sabummaa deebisuuf, Bilisummaa argamsiisuuf, biyya dhabne mulโisuuf, mirga Oromoof osoo falmanii lubbuu isaanii dabarsanii kennan kan itti yaadatnu waan taโeef, guyyaa ulfaataa fi kabajamaa dha.
Bu’aa bayii qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabsaawotni qaqqaaliin kufanii qabsoo fuul-duratti tarkaanfachiisaniiru. Xurree qabsoo dhiigaan tattaraaranii dabraniiru. Sabummaa Oromoo dhabama irraa hambisuuf, Oromiyaa harโa lafa irra jirtu argamsiisuuf, waliigalatti mirgootaa fi injifannoolee harโa Oromoon gonfate fiduuf, goototni ilmaan sabaa, ilmaan biyyaa, qarayyoon, kutatoo fi muratoon kumaatama hedduun maqaa isaanii waamanii fixuun hin danda’amne qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti hiriiranii wareegama lubbuu qaalii baasaniiru.
Hoogganoota dhaabichaa irraa hanga miseensotaa fi deeggartootaatti, seenaa boonsaa hojjetanii kanneen saba isaanii bilisummaa gonfachiisuuf lubbuu isaanii aarsaa godhan kumaa fi kitila dha. Kunneen hundi akka urjiitti galmee seenaa keessaa ifaa jiraatu. Bara baraanis dhalootaan yaadatamu.
Wareegamni ๐๐ก๐ข๐ง๐ข๐ ๐ ๐๐ bara 1980 seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti kan iddoo olaanaa qabuu fi yaadannoo addaa sammuu qabsaawotaa fi ummata keenyaa keessatti hambisee darbee dha.
Guyyaa san qabsaawota angafootaa fi hoogganoota olโaanoo ABO kan Hayyu-Duree fi Itti Aanaan keessatti argaman namoota 10 tahantu haala akkaan rifaasisaa taheen wal faana bakka tokkotti wareegame.
Wareegama sana hunda caalaa kabajamaa fi yaadatamaa kan taasise akkaataa Jaallan keenya sun murannoo olโaanaadhaan itti wareegamanii dha. ๐ผ๐ข๐๐ฃ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐ฃ ๐๐๐ง๐๐๐ง ๐ฆ๐ค๐ค๐๐๐ฃ๐๐ ๐ง๐ช๐ ๐ช๐ฉ๐ช๐ช๐ ๐จ๐๐๐ง๐ ๐๐๐๐ฃ๐ค๐ฉ๐๐๐ฃ ๐ญ๐๐ญ๐๐ข๐ ๐๐๐๐๐ฃ๐๐ ๐๐ช๐ง๐ข๐ช๐ช ๐๐ค๐ ๐ ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐ ๐ฝ๐๐ก๐๐จ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐จ๐๐๐ฃ๐๐๐ ๐ฌ๐๐๐๐๐ ๐ฌ๐๐ก๐๐๐ฃ ๐จ๐๐๐ฃ๐๐ฃ ๐๐ง๐ง๐๐ฉ๐ฉ๐ ๐ฌ๐๐ก๐๐๐ฃ ๐๐๐๐๐๐ฃ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐ชโ๐๐ ๐ฌ๐๐ก๐๐๐ฃ ๐ช๐ฃ๐๐ฉ๐๐ฃ๐๐ ๐๐ค๐ค๐กโ๐ ๐ฉ๐ค๐ ๐ ๐ค๐ฉ๐ฉ๐ ๐๐ฌ๐ฌ๐๐๐ก๐๐ข๐ช๐ช ๐๐จ๐๐๐ฃ๐๐ ๐ฉ๐. Kun Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo tahee bara baraan akka yaadatamuuf sababa tahe.
Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo tahee akka yaadatamu ABOn wayta murteessetti, miseensota dhaabaa wareegaman ittiin yaadatuu qofaaf akka hin taane deddeebisnee wal yaadachiisna. Ilmaan Oromoo kanneen ummata Oromoo gabroomfatuuf itti duulan osoo ittisanii kufan, roorroo fi hacuuccaan itti hammaatuu irraa sirna bittaa alagaa bifa garagaraan osoo faccisanii lubbuu isaanii kennan, kanneen gabrummaan booda, bakkoota adda addaatti ummata Oromoo irraa waanjoo gabrummaa kaasuun akka sabaatti mirgi qabu kabajameefii jiraatuu qabaatti amanuun sirna gabroomfataa irratti osoo qabsaโanii wareegaman marti akka ittiin yaadatamaniif Ebli 15 Guyyaa Goototaa tahee akka yaadatamu murteesse.
Ummatni Oromoo Biyyaa fi Bilisummaa isaatiif jecha wareegamni baase guddoo ulfaataa tahuun hin falamsiisu. Gabrummaa jalatti miidhaan dorgomaa hin qabne irra gahuu fi wareegamni itti heddummaatus waldhaansoo qabuu hin dhaabne. Sababa sirna cunqursaa fi cunqurfamuu diddaaf, Bilisummaa isaaf wareegama baasuu itti fufee jira.
Ilmaan Oromoo hedduun qabsoo bilisummaatiif qaamaa hir’atanii, hedduunis maatii fi qabeenya isaanii itti dhabaa jiru. Xiqqaa guddaan Oromoo, murnootni hawaasaa cufti sababaa kaayyoo qabsoo kanaaf aarsaa lubbuu olaanaa, hanga dhabamuu maatiitti gatii kafalan, wareegamtootni kaayyoo marti isaaniituu galmee seenaa keessaa ifanii mulโatan. Gumaa isaanii kan baasus milkaaโuu kaayyoo isaan irratti wareegama lubbuu baasanii dha.
Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtootaa wayta kabajannu wareegamtoota keenya yaadataa, irbuu keenyas haaromsatuun kaayyoo isaan irratti wareegaman galiin gaโuuf qabsaawotni, miseensotnii fi deggertootni ABO rakkinoota haalotni maddisiisan kamiif iyyuu osoo hin jilbeenfatin jabaattanii hojii qabsoo akka itti fuftan ABOn dhaamsa isaa isiniif haaromsa.
Ilmaan Oromoo gaaffii haqaa saba Oromoo kan bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaatti amanan hundi, akka waliigalaatti ammoo ummatni Oromoo galma gahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoo dhugoomsinee wareegama gootota keenyaatti firii gochuudhaan gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuuf bakka jirru hundaa hojii qabsoo haa finiinsinuun dhaamsa keenya.
Kabajaa Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo baranaa (2026) kan adda godhu wayta ABOn qabsoo karaa nagaa geggeessaa jiru keessatti yeroo duraatiif filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaa keessatti geggeeffamuuf jiru irraa qooda fudhatuuf murteessee sossohaa jiru keessatti. Murtii kanaanis saba keenyaaf nagaa argamsiisuuf, daandii kanaanis kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kan wareegamtootni ilmaan Oromoo kumaa kitilli irratti kitimaman osoo hin sharafin milkeessuuf carraaqqii olaanaa haala godhaa jiru keessatti.
Hojii dhaabaa kana milkeessuuf miseensotni, qabsaawotnii fi deggertootni ABO kan duraanii caalaatti jabaattanii hojjechuu, didhaalee mudatan kamuu irra aanuuf qophaaโuu fi karaa hundumaan dhaaba keessaniif jirra jechuun awwaachuun amma jenna.
Waliigalatti ummatni Oromoo balโaan nagaa waaraa argachuuf, bilisummaa dhugaa gonfachuuf, mirga hiree murteeffannaa fi abbaa biyyummaa mirkaneeffachuuf, dimokraasii fi walqixxummaaf akkasumas guddina waloof, dhaaba keessan kan ilmaan keessan keessatti hiriiruun mirga keessaniif osoo falmanii gatii lubbuu qaalii itti kafalan ABO akka filattan hiree kanaan yaamicha keenya isinii dabarsina.
ABO filachuun, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kan goototni ilmaan saba keenyaa bakkaan gaโuuf osoo warraaqanii irraa kufan milkeessuu waan taโeef, ABO filadhaan dhaamsa keenya.
Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ti!
Goototni Wareegamtootni Oromoo Bara Baraan Ni Yaadatamu!, Ni Faarfamu!
Kabajaa fi Ulfinni Wareegamtoota keenyaaf!
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 14, 2026
Finfinnee



Sagalee Bilisummaa Oromoo











Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *