Humnoonni nageenyaa mootummaa hayyuu Oromoo Alamaayyoo Diroo hidhanii mirga mana murtiitti dhiyaachuusaa sarbanii jiru

<strong>Humnoonni nageenyaa mootummaa hayyuu Oromoo Alamaayyoo Diroo hidhanii mirga mana murtiitti dhiyaachuusaa sarbanii jiru</strong>

“Namoonni uffata dambii poolisii uffatan ganama sa’aatii 12 tti mana dhufanii  Alamaayyoo barbaanna jedhan.” Haadha Warraa Obbo Alamaayyoo

Humnoonni nageenyaa mootummaa hayyuu Oromoo Alamaayyoo Diroo hidhanii mirga mana murtiitti dhiyaachuusaa sarbanii jiru

Humnoonni nageenyaa mootummaa hayyuu Oromoo Alamaayyoo Diroo Fulbaana 29,2022 irraa eegalee to’annoo jala oolchuun mirga mana murtittii dhiyaachuusaas kan sarban ta’uu, haati manaa  Alamaayyoo Laaqach Haayiluu mirkaneessitee jirti.

Alamaayyoon iddoo mana jireenyaasaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Magaala Buraayyuuutti argamuu namoota humna nageenyaa mootummaati ofiin jedhaniin Fulbaana 29, 2022 ganama sa’aatii 12tti kan too’atame yoo ta’u amma buufata poolisii aanaa Buraayyuutti argama.

Namoonni uffata dambii poolisii uffatan ganama sa’aatii 12 tti mana dhufanii  Alamaayyoo barbaanna jedhan. Maaliif akka barbaadan gaafadhus ‘mana kessan keessa namoota dhoksuu fi meeshaa awwaaaltan’ jechuu malee deebii ifa ta’e naaf hin laanneyyu ture. Meeshaa jechuun maal akka ta’eyyuu naaf hin galle. Manaa fi konkolaataa keenyas sakatta’anii jiru, garuu homaayyuu hi arganne,” jette Laaqach.

Akka Laaqach jettetti, Alamayyoon maaliin akka shakkamee fi hamma yoonaatti maaliif mana murtiitti akka hin dhiyaatin itti hin himamne.

“Alamaayyoon kan to’annoo humna  nageenyaa jala oole Fulbaana 29, 2022. Hanga har’aatti mana murtitti hin dhiyaanne. Erga qabamee guyyaa 11 darbeera. Sababa nyaata geessuuf guyyuma guyyaaniin daawadhaani,” jette Laaqach.

Alamaayyoo Dirroo nama umrii 53 yoo ta’u antirooppolojistii, ekoonoomistii, daldaalaa beekamaa fi abbaa ijoollee jahaa ti. Naannoo waggoota 20 tiif dhaabbata miti mootummaa keessa kan hojjate yoo ta’u, isa keessaa waggoota 13f dhaabbata misooma Oromoo HUNDEE jedhamu keessatti gaggeessaa ta’uun hojjateera. Akkasumas, miseensa koree hundeessituu Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaatis.

Humnoonni nageenyaa mootummaa hayyuun Oromoo biraa Gammachuu Magarsaas to’annoo jala oolchuusaaniiAddis Standard gabaasee ture.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO