Haleellaan kun manneen ummataa irratti xiyyeeffachuu kan ibsan maddeen kunniin, namaa fi qabeenya irra miidhaan dhaqqabuu addeessu.
๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ก๐ข๐ซ๐๐ ๐๐ฎ๐ฆ๐ง๐ ๐๐ข๐ฅ๐ฅ๐๐๐ง๐ฌ๐๐ ๐๐ซ๐ญ๐๐ซ๐๐๐ง ๐ก๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐ฆ๐ญ๐
Maddeen Oduu Tigraayi irraa akka hubachiisanitti Humni Qilleensaa Erteraa guyyaa har’aa sa’aa booda magaalaa Shiree irratti haleellaa xayyaaraa akka raawwataniiru. Haleellaan kun manneen ummataa irratti xiyyeeffachuu kan ibsan maddeen kunniin, namaa fi qabeenya irra miidhaan dhaqqabuu addeessu. Hanga nama haleellaa kanaan du’ee hanga ammaatti waan jedhame hin jiru. Haleellaa kanas ta’e haleellawwan biroo amma dura ta’an kan Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Tigraayi mootummaa Itophiyaa fi Erteraa himataa tureef deebisaan kennan buufata waraanaa irratti xiyyeeffanne jechuun haalaa turan.ย
Waraana waggoota lamaaf Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa Itophiyaa gidduutti deemaa jiru dhaabsisuu fi gara marii araaraatti fiduuf yaalii Gamtaan Afrikaa godhaa jiru kan Afrikaa Kibbaatti har’aa fi bor ni jalqabama jedhamee eegamaa ture sababoota hanqina dinagdee dhaabbaticha mudatee fi maanguddummaan araarsituu ta’anii Gamtaa Afrikaan filaman piresidaantiin Kenya duraanii Uhuuruu Keenyaattaa qooda irraa fudhachuu diduun walqabatee yeroo hin beekamneef hafee jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *