Sheek Adam Tuulaa Onkoloolessa 18,2022 boqotan
Du’aan Boqochuu Sheek Adam Tuulaa Ilaalchisee – Ijoo Dubbii ABO
Onkoloolessa 19, 2022
Barsiisaan seenaa, hayyuun amantii fi qabsaawaan mirga haqaa Sheekni Sheekotaa, Sheek Aadam Ahmad Ammaroo (Sheek Aadam Tuulaa) du’aan boqochuu isaaniitti Addi Bilisummaa Oromoo, ABOn gadda guddaa itti dhaga’ame ibsataa lubbuu isaaniif jannata hawwa.
Sheek Aadam Tuulaa, Harargee Bahaa Ona Kombolchaa araddaa Tuulaa keessatti akka dhalatan, ijoollummaa irraa eegaluun eenyummaa fi amantii isaaniitti akkaan cimoo turuu seenaan isaanii ni ibsa. Barsiisaa amantii fi hayyuu seenaas turan.
Bara Dargii keessa hidhamanii dararamaa kan turan Sheek Aadam, bara sirna TPLF/EPRDFs akkaa biyya irraa ba’aniif gama mootummaatiin dhiibbaan taasifamaa akka turee fi isaan garuu didanii ummata isaanii waliin jireenya gabrummaa qooddataa turuu seenaan isaanii ni hubachiisa.
Haala kanaan ummata isaanii amantii fi seenaa barsiisaa, dhaloota gorsaa fi qajeelchaa kan turan Sheek Aadam Ahmad Ammaroo, umrii isaanii waggaa 110 lafa kana irra jiraatanii guyyaa kaleessaa, Onkoloolessa 18, 2022 du’aan jiruu addunyaa fi ummata isaanii irraa addaan ba’an.
Rabbi isaanitti haa araaramu! Lubbuu isaaniif jannata, maatii, firootaa fi mararfattoota isaanii hundaaf jajjabina hawwina.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Finfinnee, Oromiyaa

Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *