Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Hidhata tarsiimoo siyaasaa Ertiraa fi Wayyaaneen kufaatii Dargii hordofee waliin tolfatan irraa kaโuun Itoophiyaa Wayyaaneen hiree aangoo irratti gonfatte, karaa dabaatiin ummata biyyattiitti karra cufuun hiree Galaana Diimaatti fullaโuu hankaaksite. Sababa daba sanaatiinis ummanni lakkoofsaan Gaanfa Afriikaa keessaa baayโee guddaa taโe hiree Ulaa Galaana Diimaatti fayyadamuu dhabe. Lakkoofsa ummataa akkaan
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Hidhata tarsiimoo siyaasaa Ertiraa fi Wayyaaneen kufaatii Dargii hordofee waliin tolfatan irraa kaโuun Itoophiyaa Wayyaaneen hiree aangoo irratti gonfatte, karaa dabaatiin ummata biyyattiitti karra cufuun hiree Galaana Diimaatti fullaโuu hankaaksite. Sababa daba sanaatiinis ummanni lakkoofsaan Gaanfa Afriikaa keessaa baayโee guddaa taโe hiree Ulaa Galaana Diimaatti fayyadamuu dhabe.
Lakkoofsa ummataa akkaan dabalaa deemuu fi fedhiin dinagdee isaatii akkaan guddataa dhufeef Ulaan Galaanaa Diimaa baayโee barbaachisaa taโeera. Haala qabatamaa ammaa kanaanis Ulaan Galaana Diimaa adeemsa keessa hiree harka ummataa seenuu qaba. Kun immoo adeemsa keessa saboota humna jabaa hiree siyaasaa fi dinagdee Gaanfa Afriikaa murteessisu taasisuu dandaโa. Dabalataanis Ulaan kun yoo harka ummataa seene, ummata Afaarย gaaddisa tokkotti deebisee tokkoomsuuf carraa taโa. Kanaaf, tarkaanfiin Ulaa Galaana Diimaa argamsiisuuf taasifamu tarkaanfii dantaa saboota biyya kanaan kallattiin walitti kan hidhatu taโuu ABOn ni amana. Tattaaffii Ulaa Galaanaa argamsiisuuf taasifamus qajeelummaan ilaala.
Akkuma seenaa keessatti irra deddeebiin qayyabannu, waraanni Kaaba Itoophiyaatti karoorfamu qabeenya Oromiyaa saamuuf gaggeeffama. Waraana ijibbaataan aangoo siyaasaa of harka galfatanii hiree Ummata Kibbaa keessumaa kan Oromoo irratti murteessuu yaalu. Waraana gurguddaan
hiree siyaasa biyya kanaa murteessaa tures kana irraa kaโuun Kaabatti gaggeeffame. Waraanni ijaarama humnoota Kaabaan gaggeeffamaa jirus Oromoo fi Oromummaa balโeessuuf akka taโe haasaa Pirezedaant Isaayaas Afawarqii Caamsaa 24, 2025 guyyaa kabaja ayyaana bilisummaa Ertiraa irratti dubbatan kanuma akeeka.
Kanumaan walqabatee lolli bifa haaraan Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti deebiโee dhalate Ertiraa ofitti harkisee amma lola daangaatti ol guddateera. Lolli kun daran babalโatee biyyoota biroos gama lamaaniinuu ofitti harkisuuf deema. Yoo kun taโe naannoon Gaanfa Afriikaa waraana barbadeessaa lubbuu kumootaan galaafatuu fi qabeenya naannichaas mancaasu keessa turuuf dirqama.
Kana waan taโeef;
Tokkoffaa, waraana dhiibee dhufe kana keessatti ABOn dantaa ummata Oromoof dursa kenna. Humna dantaa saba keenyaa sarbuu irra darbee hiree jiraachuu saba keenyaa yaaddoo keessa galchu dura dhaabbanna. Jaarmaa, beekumsaa fi yeroo qabnuunis yeroo kam caalaa dantaa saba keenyaa eegsisuuf dammaqiinsaa fi kutannoo olโaanaan hojjenna.
Lammaffaa, dhaabotni siyaasaa Oromoo hundi garaagarummaa siyaasaa qaban cinatti dhiisanii, gaaddisa waloo tokkoof akka walitti dhufanii marii godhatan ammas irra deebiin yaadachiisna. Garaagarummaa siyaasaa hagam illee qabaannu, yeroon itti dantaa saba keenyaa dursinee harka walqabannu amma.
Sadaffaa, waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru dhiittaa mirga namummaa akka hin hammeessineef boojiโamtoota waraanaa, buqqaatotaa fi hawaasa siviiliif eegumsi barbaachisaan akka taasifamu gadi jabeessinee gaafanna.
Arfaffaa, hawaasi addunyaa waraanni kun kana caalaa babalโatee biyyoota dabalataa ofitti harkisuun gaagaโama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi hariiroo sabootaa daran akka hin hammeessineef, biyyoota dantaa adda addaaf lola kana balโisuuf hirmaatan irratti dhiibbaa barbaachisu akka godhan, biyyootni kunniin akka of qusataniif dhiibbaa feesisu akka irratti godhan waamicha keenya dhiheessina.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 12, 2026
Finfinnee

Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *