Ajjechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatamu itti fufe
Hidhattootni Mootummaa Bilxiginnaa Miseensa Gadaa Michillee Karrayyuu Ajjeesuu Maddeen Gabaasan
Maddeen oduu akka gabaasanitti Onkoloolessa 15,2022 ganama hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa haftee miseensa Gadaa Michillee yeroo darbe hidhattoota mootummaan ajjeesamanii kan ta’e Booruu Roobaa ajjeesuu fi namoota biroo 4 ukkaamsanii akka fudhatan hubatameera.
Akka maddeen oduu garagaraa gabaasanitti hidhattootni sirna Bilxiginnaa miseensa tuuta Gadaa Michillee Karrayyuu Booruu Roobaa erga ajjeesanii booda, obboleessaa fi obboleettii isaa namoota biroo lama waliin ukkaamsanii fudhatuu jiraattotni Ona Fantaallee mirkaneessaniiru.
Hidhattootni mootummaa guyyaa kana ganama naannoo sa’aa 10:00tti mana jireenyaa Booruu Roobaa bakka addaa Boommisaa ganda Xuxxuuxii keessatti argamu dhaqanii erga manaa fuudhanii booda, naannooma mana isaa teechisanii mataa keessa rukutuun battalumatti akka ajjeesan oduun Fantaalle irraa argame ni hubachiisa.
Ajjechaa, hidhaa fi dararaa waraanni mootummaa ummata nagaa irraan geessisu hammaatuu kan himan maddeen, Fantaallee fi naannoo sana hunda keessatti sochiin daldalaa fi geejjibaa addaan cituutti dabalee, haalli jiru hammaatuu irraa ummatni qe’ee ofii gadhiisee bosona galuu ifa godhan.
Mudde 01,2021 humnootni mootummaa Bilxiginnaa Abbaa Gadaa dabalatee tuuta Gadaa Karrayyuu fi geggeessitoota hawaasaa sirna Waaqa kadhannaa irra turan naannooma ammaa kanatti haala suukanneessaan fixuun isaanii kan yaadatamuu dha.
Ajjechaa kana kan raawwate mootummaa Bilxiginnaa ta’uu jaarmotni mirga dhala namaaf falman kan akka Komiishinii Mirgoota Namummaa Itophiyaa dabalatee qaamotni adda addaa kan mirkaneessan yoo ta’u, haga ammaatti qaamni mootummaa yakka ajjechaa kana raawwate gaafatamaaf dhihaate hin argamne.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *