๐ƒ๐‡๐”๐Œ๐€๐€๐“๐ˆ๐ˆ๐ ๐Œ๐€๐†๐€๐€๐‹๐€๐€ ๐๐ˆ๐ˆ๐‹๐€๐€ ๐‡๐€๐€๐‹๐€๐€๐ ๐”๐‹๐…๐€๐€๐“๐€๐€ ๐ƒ๐‡๐€

๐ƒ๐‡๐”๐Œ๐€๐€๐“๐ˆ๐ˆ๐ ๐Œ๐€๐†๐€๐€๐‹๐€๐€ ๐๐ˆ๐ˆ๐‹๐€๐€ ๐‡๐€๐€๐‹๐€๐€๐ ๐”๐‹๐…๐€๐€๐“๐€๐€ ๐ƒ๐‡๐€

Magaalaa Biilaatti lammiileen Oromoo 80 ol ta’an haleellaa Diroonii mootummaan Biltsiginnaa fudhateen ajjeesaman

๐ƒ๐‡๐”๐Œ๐€๐€๐“๐ˆ๐ˆ๐ ๐Œ๐€๐†๐€๐€๐‹๐€๐€ ๐๐ˆ๐ˆ๐‹๐€๐€ ๐‡๐€๐€๐‹๐€๐€๐ ๐”๐‹๐…๐€๐€๐“๐€๐€ ๐ƒ๐‡๐€

Dhumaatiin ummataa Godina Wallagga Lixaa Ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaatti ta’e kan dubbatamuun ol ta’uun ibsamaa jira. Xayyaarri waraanaa mootummaa PP magaalaa Biilaa irratti tarkaanfii fudhate ummata nagaa, sunuu baay’een isaanii ijoollee ta’an irratti ta’uu jiraattotni ibsaa jiran; barattootni Yunversitii akka keessatti argamanis dhaga’ameera.

Kan raawwatame duguuggaa sanyii, yakka waraanaa ta’uu reeffi ijoollee guutuu magaalaa keessatti bakka bakkatti faffaca’ee, kaan mormi cite, kaan harki irraa cite, kaan ammoo qaamni guutuutti gubate kanaaf ragaa dha jedhu.

Haleellaa xayyaaraa mootummaan PP magaalaa Biilaatti ummata siviilii irratti Sadaasa 02,2022 fudhate kanaan yo xiqqaate namootni 80 ol ajjeefamaniiru. Heddumminaan madaa’aniiru. Amma iyyuu reeffi magaalaa keessaa funaanamee gara Hospitaalaatti guuramaa akka jirus dhaga’ameera.

Jiraattotni magaalaa Biilaa fi gandootni naannoo magaalaa jiran ijoollee isaanii haleellaa kanaan dhumatan adda baasanii reeffa isaanii fudhatuunuu akka rakkoo isaanitti ta’etu himamaa jira.

Abbaan ilma isaa qabatee akka deemaa turetti, haatii fi mucaan akka waliin jiranitti haleellaa kanaan ajjeefamuu kan gabaasan maddeen magaalaa Biilaa, magaalattiin gadda uffachuu fi yakki waraanaa irratti raawwatamuu ibsu.

Duguuggaan sanyii, yakki waraanaa hagas ulfaatu osoo ummata meesha-maleeyyii irratti raawwatamee jiruu, garuu dhageettii miidiyaa dhabee dhiigni ummata qulqulluu jige, lubbuun ba’e dhokfamaa jira.

Miidiyaaleen Oromoo, activistootnii fi kanneen miidiyaalee hawaasaa kana irraa wacaa oolan ummata siviilii lola keessaa hirmaatnaa homaatuu hin qabne taargeeta xayyaarota waraanaa sirna mootummaa Bilxiginnaa ta’ee akka baalaa harca’aa jiruuf sagalee haa taanu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO