Yeroo hamtuu fi ulfaattuu kana keessa tokkummaa feesisa. Sagalee tokkoon kaโanii, wal cina dhaabbatanii roorroo fi salphina akka sabaatti dhufte kana LAKKII NU GAHE! jechuu dha qaba Oromoon. KAโI QEERRO!
๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ฅ๐ฉ๐ก๐ข๐ง๐๐ญ๐ฎ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ก๐ฎ๐๐
Wareegamni Qeerroo kaleessaa gabrummaatti xumura gochuuf, duโaa fi booโicha, gadadoo fi hiraara lammiitti xumura gochuuf ture. Wareegamootni waggootaaf qabsaawotni, sabboontotnii fi Qeerroon Oromoo kafalan dhumaatii fi salphina harโa Oromoo mudataa jiru argamsiisuuf hin turre. Sirna cunqursaa fi gabroomfataa tokko kaasanii, mootummaa fi sirna irra hamaan bakka buusuufis hin turre. Erga waggoota afurii kan taโaa fi argamaa jiru garuu faallaa wareegama qeerroo Oromoo fi waliigala ummata Oromoo ti.
Dhumaatiin dhaqqabaa jiru, salphinni akka sabaatti Oromoo qeโee isaatti isatti dhufe, gaagaโamni isa mudatee jiru, kan isa teessisu miti. Kana caalaa maaltu Oromootti dhufuu qaba?
Jumlaan ajjeesamaa jira. Salphisameera. Qeโee isaa keessatti alagaan weeraramee kabajaa namummaan alatti akka bineensaatti ajjeesamee ibiddaan gubataa jira. Reeffi isaa kabajaa dhabee ibiddaan gubachuu caalaa, warri isa ajjeesanii reeffa isaa guban suuraa irratti kaโanii nutu kana si godhe, maal fidda ittiin jedhaa jiru.
Biyya isaa keessatti qeโee fi qabeenya isaa irraa humna alagaa hidhatee isatti duuleen kumoota dhibbaan buqqaโee akka hawaasaatti diigameera. Taateen durii seenaa Oromoo keessatti baratamu harโa deebiโee, tokko lamaan gochi fokkisaan kaleessaa sun harโa jaarraa 21ffaa kana keessa saba Oromoo mudataa jira. Kana caalaa waan Oromootti dhufu maaltu jira ykn kan hafe maaltu jira?
Salphina kana jalaa Oromoon of baasuu qaba. Roorroo falmatuun dirqama dhala Oromoo ti. Qeerroon Oromoo kaleessa wareega baasee, dhiigaa fi lafee isaan sirna cunqursaa calaase, harโas humni isaa bakkuma jira. Humni kun kaโuu dha qaba.
Yeroo hamtuu fi ulfaattuu kana keessa tokkummaa feesisa. Sagalee tokkoon kaโanii, wal cina dhaabbatanii roorroo fi salphina akka sabaatti dhufte kana LAKKII NU GAHE! jechuu dha qaba Oromoon. KAโI QEERRO!
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *