Yakka Ajjechaa Godina Gujii keessatti dubartii ulfaa irratti raawwatame
Ajjechaa suukanneessaa hidhattootni mootummaa Godina Gujii Ona Sabbaa Boruu keessatti dubartii ulfaa irratti raawwatan hawaasa naannootti gaddaa fi rifaatuu uume
Hagayya 08, 2025 hidhattootni mootummaa Godina Gujii Bahaa Ona Sabbaa Boruu Ganda Siree Buqqii jedhamutti dubartii ulfaa jiโa sagalii Aadde Suyyee Goobanaa jedhamtu bakka ooyiruutti gara laafina tokko malee akka ajjeesan maddeen oduu Ona Sabbaa Boruu mirkaneessaniiru. Gocha bineensummaa kanaan hidhattootni mootummaa lubbuu nama lamaa haadhaa fi daaโima garaa keessaa walfaana galaafataniiru.
Gochi bineensummaa hidhattoota mootummaan Oromiyaa keessatti raawwatamu daangaa darbuu kan gabaasan maddeen, ajjechaa suukanneessaan Aadde Suyyee Goobanaa irratti raawwatame gaddisiisaa qofa osoo hin taane, hawaasa naannootti illee rifaatuu fi gadda uumuu hubachiisu.
Aadde Suyyee Goobanaa abbaa warraa ishee Obbo Galchuu jedhamu waliin ijoollee lama qabaachuu fi sadaffaan kan garaa jiru taโuun barameera.
Guyyuma kana ajjechaa fakkaataan naannooma sana keessatti namoota afur irratti raawwatamuun akka hin oolle kan himan maddeen, ammatti eenyummaa jaraa adda baafachuun kan hin dandaโamin taโuus hubachiisu.
Waraanni mootummaa yakka ajjechaa ulfaataa akkasii dubartii ulfa taate irratti raawwatuun kun isa jalqabaa akka hin taane kan himan maddeen keenya, hidhattootni sirnichaa martuu gadhiisii, qaamni isan gaafatu kan hin jirree fi yakka barbaadan ummata nagaa irratti kan raawwatan taโuu isaaniif kun ragaa dabalataa taโuun ibsameera.
Baatii darbee kaasee yakki ajjechaa waraanni mootummaa Oromiyaa keessatti ummata nagaa hidhata siyaasaallee hin qabnee fi jiruu fi jireenya isaa moโachuuf jooru irratti raawwatu haalaan hammaateera.
Haaluma kanaan Hagayya 01, 2025 Godina Wallagga Lixaa Ona Baabboo Gambeel bakka Ambaalloo jedhamutti hidhattootni mootummaa Badhaadhinaa qeerroo 2, Siddiiq Mahaammad Koorsaa fi Mikaaโel Tamasgeen jedhaman qabanii garmalee erga reebanii booda, rasaasa itti dhukaasuun ajjeesan.
Adoolessa 27, 2025 Godina Lixa Shaggar Ona Adaโaa Bargaa ganda Hilluu Muxxee jedhamutti maqaa โABO Shanee deggertuโ jedhuun namoota 9 rasaasaan fixuun hubatameera.
Adoolessa 26, 2025 waraanni mootummaa Badhaadhinaa Godina Kaaba Shaggar Ona Sulultaa magaalaa Darbaatti mucaa waggaa 14 Hingaabbuu Irree Damisee jedhamu โABO Shaneeโ deggerte ittiin jechuun daandii irraa qabanii magaalaa Caancootti hidhuun halkan guutuu reebaa bulanii erga ajjeesanii booda, ganama reeffa isaa baasanii bakkeetti gatan. Baatii lama duras Obboleessuma isaa dargaggoo Abbuu Irree Damisee jedhamu maquma โABO Shaneeโ jedhu kanaan ajjeesan.
Adoolessa 16, 2025 Godina I/A Booraa Ona Billoo Noophaa ganda Maruu Caagee jedhamutti daaโima waggaa lamaa Zaakir Tolasaa Lammaa jedhamu abbaa harkatti gara laafina tokko malee itti dhukaasanii ajjeesuun bineensummaa isaanii mulโisan. Abbaan mucaa kanaa hidhaa keessatti hiraarfamaa kan jiru yoo taโu, haati isaa Aadde Zaaraa Hasan qeโee isaanii irra jiraachuu dadhabanii bakka biraatti baqatuuf dirqamaniiru.
Mootummaan Paartii Badhaadhinaa dhibdee siyaasaa jiru karaa nagaan furuu lagatuun ummaata nagaa irratti waraana isaa bobbaasee yakka waraanaa raawwatuu itti fufee jira.
Ummata jireenyi itti hammaatuu irraa waan afaanitti deebifatu dhabee ofii fi ilmaan isaa agabsee mankaraaru, jireenya kanas moโachuuf guyyuu joorutti waraana bobbaasuun lubbuu isaa gabaabsuun yakka. Siyaasni kanaan qajeeluu fi deggersi yakkaan dhufu hin jiru. Hanga ammaattis hin mulโatne.
Mootummaan kun ukkaamsaan, hidhaa fi ajjeechaan waggoottan 6n dabran ummata nagaa irratti raawwate rakkoo jiru daran hammeessuu malee furmaata argamsiiseef tokko illee akka hin qabaatin hubatee, yakka ajjechaa ummata nagaa irratti raawwatu kana dhaabuun, gara daandii nagaa furmaata waaraa biyyaa fi ummataaf argamsiisuutti deemuu qabaan ammallee dhaamsa keenya.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *