Gaagaโ€™ama Humnootni Goolessituu Faannoo fi Liyyuu haayiliin Sumaalee Ummata Oromoo irraan gaโ€™aa jiran

Gaagaโ€™ama Humnootni Goolessituu Faannoo fi Liyyuu haayiliin Sumaalee Ummata Oromoo irraan gaโ€™aa jiran

Haleellaa finxaaleyyii Faannoo fi Liyyuu haayil Sumaalee

Gaagaโ€™ama Humnootni Goolessituu Faannoo fi Liyyuu haayiliin Sumaalee Ummata Oromoo irraan gaโ€™aa jiran

Humnootni goolessituu Faannoo Amaaraa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sodaa guddaa ummata irratti akkuma uumanitti jiru. Ajjechaa, qaamaa hirโ€™isuu, butanii fudhatuu, qabeenya saamuu fi ummata kumaantamaan qeโ€™ee irraa buqqisuu akkuma itti fufanitti jiru.

Godina Wallagga Bahaa Ona Limmuu Galiilaatti ummatni haleellaa humna goolessituu Faannoo irraa sodaa jalatti kufee jiraachuu jiraattotni ifatti dubbataa jiran.

Humni goolessituu kun Ona Giddaa Ayyaanaa ganda Dalasaa Makkanniisaa jedhamu buufatuun ganda Ona Limmuu Galiilaa keessatti argamtu Lalii jedhamtu irratti haleellaa raawwachuuf qophii akka qaban jiraattotni ganda kanaa himuun sodaa guddaa jala jiraachuus ifoomsan.

Humni goolessituu Faannoo ofiin jedhuu fi kan Izzii Wallaggaa jedhee of gurmeesse humna waraanaa guddaa ijaarratuu fi tumsi Goojjam irraa kan godhamuuf wayta tahu, caasaalee bulchiinsaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaan harka walkeessa naqatuun ummata irraan miidhaa olaanaa dhaqqabsiisaa jiraachuu ummatni hanga guyyaa harโ€™aatti ifatti dubbataa jira.

Tibbanas Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu magaalaa Hagamsaa fi gandeen naannoo jiran irratti lola bananiin namoota nagaa ajjeesuu fi qeโ€™ee irraa buqqisuun ni yaadatama.

Finxaaleyyiin Faannoo Amaaraa lafa Oromoo weeraruu fi ummata Oromoo fixuun akeeka isaa taโ€™e kun Hagayya 29, 2025 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti haleellaa ummata irratti raawwataniin ilmaan Oromoo 30 ol yeroo ajjeesan, hedduu madeessuun, ummatni kumaan lakkaโ€™amu ammoo qeโ€™ee fi qabeenya isaanii gatanii lubbuu ofii baafatuuf baqatan.

Ummatni qeโ€™ee irraa buqqaโ€™es taโ€™e kanneen ganda kana keessatti hafan haala ulfaataa keessatti kan kufanii jiran yoo taโ€™u, nyaataa fi uffata gaโ€™aa dhabanii, beelaan, roobaa fi qorraan, aduu fi kkfn rukutamanii dhibeelee adda addaaf  saaxilamanii hiraaraa jiran.

Ummata kana dhaqqabuuf qaamotni hawaasaa fi namootni adda addaa darbees gurmuun deggersaa yaalii godhaa jiraatanis tumsi kun gaโ€™aa waan hin taaneef, ammallee dirmatnaa kan barbaadan taโ€™uun ibsameera.

Dantaa siyaasaaf jecha humni goolessituu Faannoo mootummaa PPn hundeeffame kun guyyaa ijaarame irraa qabee daangaa Oromiyaa cabsuun weerara geggeessuun ilmaan Oromoo irratti ajjechaa dabalatee buqqaatii fi saamicha qabeenyaa tilmaamuun hin dandaโ€™amne geessisaa jira.

Mootummaan PP caasaalee bulchiinsa isaa godinoota humni goolessituu kun keessa sossohu banaa gochuufiin, deggersaa fi tumsa, darbees odeeffannoo qaamotni mootummaa godinaalee kennaniifiin ummata Oromoo irratti weerara geggeessaniin miidhaa olaanaa dhaqqabsiisuu itti fufanii jiran.

Mootummaan ummata Oromoo miidhamaa jiruuf naatoo hin qabnee fi abbaa Faannoo taโ€™e kun, ummata qeโ€™ee fi qabeenya isaa irraa buqqaโ€™ee dirreetti facaโ€™ee jiru gargaaruun hafnaan, namoota namummaan itti dhagaโ€™amuu irraa ummata kana waan dandaโ€™aniin gargaaruuf sossohan qabee hidhaa jira.

Kanaan alas gochi gooltummaa humna goolessituu kun akka hin dubbatamnee fi hin gabaafamne miidiyaalee toโ€™atnaa isaa jala jiran dhorkuun, ofiifis ijaa fi gurra irraa qabatee faallaa haala ummatni keessa jiruu lallabuu irratti argama.

Haaluma walfakkaatuun humni liyyuu haayilii Sumaalees Godinoota Baha, Kibba-bahaa fi Kibba Oromiyaa keessatti lafa Oromoo weeraruu fi ummata Oromoo irraan miidhaa dhaqqabsiisuu itti fufanii jiran.

Humni kun Godina Harargee Bahaa Ona Cinaaksan keessatti haleellaa ummata Oromoo irratti baneen garii ajjeesuu, madeessuu fi qabeenya saamuun kan ibsame yoo taโ€™u, ammas humni kun Cinaaksan keessatti yaaddoo uumaa jiraachuun barameera.

Liyyuu Haayiliin Sumaalee Cinaaksan keessatti argamu, lafa Oromoo weeraruu qofa osoo hin taane, gocha suukanneessaa ummata nagaa irratti raawwataa akka jiru jiraattotni himaniiru.

Ummatni daangaa fi qeโ€™ee ofii tikfachuuf wareegama gugurdaa baasaa jira kan jedhan maddeen, qonnaan bultootnii fi horsiisee bultootni Oromoo harka duwwaa humna mootummaan naannoo Sumaalee hidhachisee itti bobbaase dura dhaabbatee falmaataa jira jedhan.

Ummata bifa kanaan lafa isaaf duโ€™aa jiru kana qaamni mootummaa naannoo Oromiyaa isaan cina dhaabbatu akka hin jirre jiraattotni aariin dubbatu.

Baha Oromiyaa Cinaaksan dabalatee Onoota hedduu irratti weerarri qindaโ€™aan deemaa jira kan jedhan maddeen, hawaasni daangaa irratti argamu nagaan baโ€™ee galuu akka hin dandaโ€™in ifoomsu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO