Dhaabbatni Mirga Dhala Namaaf Falmu, Amnistii International Galmee Mirga Namoomaa Itoophiyaa Bara 2025nii Ilaalchisee, Yakka Raawwatameef Himatamuu Dhabuun, Buqqaatii fi Mirgi Sochii Hawaasaa Dhiphachuutti Yaaddoo Qabu Ibse

Dhaabbatni Mirga Dhala Namaaf Falmu, Amnistii International Galmee Mirga Namoomaa Itoophiyaa Bara 2025nii Ilaalchisee, Yakka Raawwatameef Himatamuu Dhabuun, Buqqaatii fi Mirgi Sochii Hawaasaa Dhiphachuutti Yaaddoo Qabu Ibse

Waraana Itoophiyaa keessatti deemaa jiruun walqabatee dubartootaa fi shamarran miidhaa waraanaa ulfaataadhaaf saaxilamaa jiraachuu kan eere gabaasni Amnistii Intrnational, dubartootaa fi shamarran miidhaa saal-qunnamtii waraanaan walqabatuuf saaxilamuun itti fufuu hubachiise.

Sarbamiinsi mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti itti fufuu isaan, addatti gocha seer-maleessummaa raawwatamuuf itti gaafatamummaan dhibamuun, waraanni hidhannoon itti fufuu fi bara 2025 keessa mirgi sochii hawaasaa dhiphachaa dhufuun yaaddoo guddoo akka uume Amnistii International beeksiseera.

Amnistii International “Haala Mirga Namoomaa Addunyaa (The State of The World’s Human Rights 2026)” jedhuun gabaasa waggaa kan bara 2026 baasee fi Itoophiyaa kan ilaallatu ifa godheen, yakka waraanaa naannoo Tigraayi keessatti bara 2020 raawwatameef, “Haqii fi itti gaafatamummaan seera idil-addunyaa jalatti tokko iyyuu akka hin raawwatamin hubachiise.

Loloota Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti geggeeffaman itti fufuun walqabatee, sarbamiinsi mirgoota namoomaa amma illee halaaan itti fufee jiraachuu Amnistiin dabalee beeksiseera.

Gocha hammeenyaa kanaan dura raawwatamaniif furmaata kennuuf yaaliin taasifamu lafa irra harkifamaa jira, “Adeemsi haqaa (transitional justice) erga mariin jalqabamee waggaa sadii boodas harkifataa jira, Kunis waadaa mootummaan itti gaafatamummaa mirkaneessuuf gale irratti yaaddoo uumeera jechuun dhaabbatichi haala naannoo Tigraayi ifa godheera.

Qe’ee irraa buqqisuun walqabatee gabaasichi, addatti magaalaa Finfinnee keessatti namootni maqaa “Piroojektii Misooma Koridooriin” buqqa’uu hubachiisa.

Abbootiin taayitaa “Piroojektii Misooma Koridoorii” akka misooma magaalaa murteessaa, “bu’uuraalee misoomaa, manneen jireenyaa fi bakkeewwan ummataa fooyyessuuf” yaadameetti ibsanis, hojii irra oolmaan isaa garuu Finfinnee fi magaalota biroo keessatti namoota kumaatamaan lakkaa’aman “humnaa fi heddumminaan qe’ee irraa buqqisuu” hordofsiisuu gabaasni Amnistii kun ni ibsa.

Daangaan mirgi sochii hawaasaa dhiibbaa jala galuu ilaalchisees Amnistiin akka jedhetti, labsii waldaalee siiviikii irratti fooyya’iinsi yaadame, bilisummaa fi to’atnoo murtii laaffisuu, akkasumas humni to’atnoo ala ta’e qaama raawwachiisaa harkatti akka kufu gochuun iddoo siiviikii ni dhiphisa jedheera.

Bara 2025 keessa hiriira ogeeyyota fayyaa Itoophiyaan walqabatee namoota hidhaman galmeessuu kan yaadachiise Amnistiin, isaan keessaa tokko tokko kaffaltii xiqqaa fi haala hojii hammaataa mormuu isaaniitiin ji’a tokkoof hidhamuu yaadachiise.

Waraana Itoophiyaa keessatti deemaa jiruun walqabatee dubartootaa fi shamarran miidhaa waraanaa ulfaataadhaaf saaxilamaa jiraachuu kan eere gabaasni Amnistii Intrnational, dubartootaa fi shamarran miidhaa saal-qunnamtii waraanaan walqabatuuf saaxilamuun itti fufuu hubachiise.

Naannolee lolli keessatti deemaa jiruun alattis, miidhaan saala irratti hundaa’e hammaachuu fi kunis waraana dheeraa hordofee ol’aantummaan seeraa dadhabuu irraa kan madde akka ta’e ifa godha.

Baqattootaan walqabatee gabaasni Amnistii International akka jedhutti, Itiyoophiyaan baqattoota Eertiraa yoo xiqqaate 600 ta’an seeraan ala qabdee gara Eertiraatti deebisteetti. Namoonni deebi’an kunis hidhaa, achi buuteen dhabsiifamuu fi dirqamaan waraana keessatti hirmaachifamuuf saaxilamaniiru jedhee jira.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO