Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsaawaa fi Maanguddoo Oromoo Obbo Zagayyee Asfaaw Abdii irratti Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsaawaa fi Maanguddoo Oromoo Obbo Zagayyee Asfaaw Abdii irratti Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Qabsaawaa buleessa, hayyuu siyaasaa fi manguddoo ulfinaa Obbo Zagayyee Asfaaw boqotan

Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsaawaa fi Maanguddoo Oromoo Obbo Zagayyee Asfaaw Abdii irratti Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan addunyaa irraa godaanuu qabsaawaa fi hayyuu siyaasaa Obbo Zagayyee Asfaaw Abdii irratti gadda guddaa itti dhaga’ame ibsata.

Obbo Zagayyeen bara 1942tti Giddu-gala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Ona Walmaraatti abbaa isaanii Obbo Asfaaw Abdii fi haadha isaanii Aadde Buzunesh Daadhii irraa dhalatan.

Yeroo ijoollummaa isaanii irraa eegalee, dhiibbaa fi dhiittaa sirna Nugusaa yeroo sanaa waan argaa fi dhagahaa guddataniif,  haala jireenya qonnaan bultootaa fi rakkoo ummata bal’aa  mudate hubachuun, haalli ture akka falmaa haqaa keessatti hirmaatan isaan taasise.

Barnoota isaanii sadarkaa olaanaatti  digirii jalqabaa  seeraan (LLB) Yuunivarsiitii Hayile Sillaasee amma (Yuuniversiitii Finfinnee) jedhamee waamamu irraa argatan. Itti aansuun Yuunivarsiitii Wisconsin–Madison irraa digirii ol’aanaa (LLM) fudhatan. Yeroo barnootaa isaanii keessatti sochii barattootaa, falmii siyaasaa fi yaada jijjiiramaa keessatti hirmaachuun, ilaalcha isaanii gara jijjiirama bu’uuraa irratti xiyyeeffatuu cimsan.

Bara 1974 booda, jijjiirama mootummaa keessatti qooda fudhachuun, labsii lafaa mootummaa bara 1975 “Lafti Qonnaan Bultootaaf / Land to the Tiller” jedhu diriirsuu keessatti shoora ol’aanaa taphatan. Labsichi sirna gabbarummaa diiguun, qonnaan bultootaaf mirgi isaanii deebifamee akka  kennamuuf, seenaa Itoophiyaa keessatti jijjiirama guddaa nama fidanii dha.

Sirna mootummaa abbaa irree Dargii keessatti dura Ministeera Qonnaa, itti aansuun Ministeera Haqaa ta’anii hojjetan; garuu ilaalcha isaanii bilisaa fi deeggersa isaan mirga Oromootiif qaban irraa kan ka’e, mootummaa abbaa irree yeroo sanaa waliin walitti bu’iinsa keessa seenan. Bara 1980 keessa hidhamuun mana hidhaa beekamaa “Alem Bekagn” keessatti waggoota 11f dararama hamaa keessa turan.

Bara 1991 booda, yeroo mootummaa cehumsaa keessatti miseensa ABO ta’anii dhaaba bakka bu’uun Ministeera Qonnaa ta’anii tajaajilaniiru. Yeroo ABO mootummaa keessaa ba’e isaanis yeroof biyya ambaatti baqatanii booda gara biyyaatti deebi’an.

Bara 1995 booda siyaasaa irraa of qusachuun dhaabbata miti-mootummaa HUNDEE – Oromo Grassroots Development Initiatives ijaaruun hojii misoomaa fi hawaasummaa irratti xiyyeeffachuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota humneessuu, mirga dubartootaa barsiisuu fi eegumsa naannoo akkasumas mirga ijoollee fi dargagoota irratti bal’inaan Oromiyaa keessatti hojjachaa turan. Dabalatas dhaabbata Buusaa Gonofaa ‘Micro Finance Institution’ ijaaruun wahillan isaanii wajjin tajaajila liqii fi qusannoo ummata baadiyyaa, keessumayyuu dubartootaaf kennaa turan.

Obbo Zagayyeen dhaloota hayyoota biyya kana keessatti bara qabsoo irra turan nama jabaa  jijjiirama bu’uuraa fidan keessaa tokko yoo ta’an, hojii fi yaada isaanii keessatti haqa, walqixxummaa fi bilisummaa ummataaf nama of kennaa turanii dha.

Obbo Zagayyeen dhalatanii ganna 84tti akkuma tasaa galgala Caamsaa 11, 2026tti addunyaa kana irraa du’aan godaanan.

Qabsaawaa buleessa, hayyuu siyaasaa fi manguddoo ulfinaa akkasii of biraa dhabuun Adda Bilisummaa Oromoof gadda guddaa dha. Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’uun gadda itti dhaga’ame ibsachaa, lubbuu isaanii jannata, maatii, firoottan fi ummata Oromoo bal’aaf obsaa fi jajjabinaa hawwa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Caamsaa 12, 2026

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO