๐’๐š๐›๐š๐›๐š ๐“๐จ๐ค๐ค๐จ ๐Œ๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐—๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐๐ก๐š๐š๐ง ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐š๐ ๐š๐š ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐‡๐ข๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐’๐ข๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐žย ๐ญ๐ข

๐’๐š๐›๐š๐›๐š ๐“๐จ๐ค๐ค๐จ ๐Œ๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐—๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐๐ก๐š๐š๐ง ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐š๐ ๐š๐š ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐‡๐ข๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐’๐ข๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐žย ๐ญ๐ข

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo โ€“ Fulbaana 29, 2022 Hidhaa seeraan alaa fi ajjeechaan gara jabinaa sababa tokko malee mootummaan Paartii Bilxiginnaa Itoophiyaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatamu erga nuti yeroo dhihoo dhimma wal fakkaataa irratti ibsa baasnee osoo hin turโ€™in itti fufee jira. Murni aangoo dhuunfatee jiru, ajjeechaa uummata nagaa manneen hidhaa fi buufataalee poolisii

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo โ€“ Fulbaana 29, 2022

Hidhaa seeraan alaa fi ajjeechaan gara jabinaa sababa tokko malee mootummaan Paartii Bilxiginnaa Itoophiyaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatamu erga nuti yeroo dhihoo dhimma wal fakkaataa irratti ibsa baasnee osoo hin turโ€™in itti fufee jira.

Murni aangoo dhuunfatee jiru, ajjeechaa uummata nagaa manneen hidhaa fi buufataalee poolisii Oromiyaa hedduu keessatti hidhaman irratti gara jabinaan raawwatu cimsee itti fufee jira. Barsiisaan maqaan isaa Talilaa Girmaa jedhamu, Godina Kaaba Shawaa, Aanaa Warra Jaarsootti kan dhalate yoo taโ€™u, haadha warraa fi ijoollee isaa Kibba Lixa Oromiyaa, Beddellee keessa jiraatan daawwachuuf deemee ture. Barsiisaan kun Aanaa Daphoo Haannaatti, ajaja mana murtii malee qabamee Fulbaana 3, 2022 dawoo dukkanaa keessatti erga qabamee booda, buufata poolisii keessaa baasanii bakka 77 jedhamutti ajjeesanii jiru. Haaluma wal fakkaataan namoota 16 ajjeefamaniiru.

Godina Horro Guduruu, Magaalaa Shaambuu keessattis, humnoonni mootummaan hidhachiisee bobbaase, gaafa guyyaa Fulbaana 28, 2022 namoota saddeet mana hidhaa keessaa fuudhanii guyyaa saafaadhaan ajjeesanii jiru. Namoonni maqaan isaanii Gaaddisaa Fayyisaa, Dassaalenyi Magarsaa (abbaa ijoollee lamaa) fi Waasee jedhaman kanneen yeroo ammaaf maqaan isaanii adda baafamnes keessatti argamu.

Harโ€™a ammoo jechuun gaafa guyyaa Fulbaana 29, 2022 magaalaa Burrayyuu qarqara magaalaa Finfinneetti argamutti, poolisiin sirnichaa Obbo Alamaayyoo Diroo (abbaa ijoollee 7 fi itti gaafatamaa Koree Seeraa fi Naamusaa Adda Bilisummaa Oromoo) toโ€™achuudhaan mana hidhaatti galchanii jiru. Ammaan duras Obbo Alamayyoon sababa tokko malee humnoota murnichaatiin yeroo hedduu qabamanii hidhamaa turan. Namni kun dhimma fi kaayyoo qabsoo Oromoo karaa nagaan leellisuun kan beekamu yoo taโ€™u, miseensa dammaqaa Adda Bilisummaa Oromooti. Obbo Alamaayyoon haati isaanii dhiyeenya kana duโ€™aan waan boqotaniif gadda irra turan. Nama nagaa qabsoo karaa nagaa gaggeessaa jiru kana hidhuun maatii fi uummata Oromootiif miidhaa guddaa waan taโ€™eef hatattamaan hidhaarraa akka gadhiifamu gaafanna.

Torban darbe humnoonni nageenyaa murnichaa hayyuu fi qorataa beekumsa ganamaa Oromoo Professor Gammachuu Magarsaa qabanii hidhanii (booda kan gadhiisan) turan. Gochi itti gaafatamummaa hin qabnee fi maal na-dhibdeen akkasii kun hayyoota Oromoo dhiittaa mirga namoomaa murnichaa, dirree siyaasaa wal qixa taโ€™eefi nageenya dhabuu, akkasumas mancaโ€™iinsa nageenyaa hammaachaa deeme ilaalchisee yaaddoo qaban dhageessisan sodaachisuu fi rakkisuuf kan yaadame yoo taโ€™u, kun ammoo gara gaagaโ€™ama siyaasaa fi mancaโ€™insa namoomaa hamaatti deema.

Gocha baayโ€™ee fokkisaa fi jibbisiisaa yeroo ammaa murni aangoo dhuunfatee jiru raawwachuu keessaa kan biraan ammoo dargaggoota nagaa hidhaman mana hidhaa fi buufata poolisii irraa baasuudhaan gara mooraa leenjii waraanaatti baayyinaan geessaa jiru. Dargaggoonni kunis torban tokko ykn lama leenjii erga fudhatanii booda, gara adda waraanaa kaabaa fi Oromiyaatti bobbaafamu. Ijoolleen dhiiraa fi shamarranii umurii barumsaarra jiraniifi adda waraanaa deemuudhaaf qaamaa fi sammuudhaan hin bilchannes, miidhama gara jabina hamaa kanaaf saaxilamanii jiru. Haala kanaan lubbuu dargaggootaa fi shamarraniin taphachuun hawaasichaaf kisaaraa fi gaagaโ€™ama hamaadha.

Namoota toโ€™annoo seeraa jalatti argamanii fi hidhamanii jiraniif, eegumsa seeraa barbaachisaa godhamuufii osoo qabuu, mana hidhaa keessaa baasanii haala suukaneessaadhaan ajjeesuun, seera mirga namoomaa biyyaalessaa fi idil-addunyaa cabsuu waan taโ€™eef, namoonnii fi dhaabbileen nagaa fi tasgabbii leellisan marti gocha shororkeessummaa murni aangoo qabatee jiru tumsan kana balaaleffachuu qabu. Waan kana taโ€™eef, hawaasni idil-addunyaa itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka baโ€™an dhaammanna.

Keessattuu tarkaanfiin abdii kutachiisaa yeroo ammaa sirnichaa fi haalli walumaagalatti Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru, balbala tokkoo tokkoo keenya rurrukutuun isaa waan hin oolleef, xiyyeeffannoo addaatiin ilaaluun baayโ€™ee barbaachisaa fi murteeaadha jenna. Oromoon roorroo dhiittaa namummaa kana karaa dandaโ€™u hundaan tokkummaan dura dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiyeessina.

Injifatnoo Ummata Balโ€™aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 29, 2022

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO