Maecenas mauris elementum, est morbi interdum cursus at elite imperdiet libero. Proin odios dapibus integer an nulla augue pharetra cursus.
๐๐ข๐ฌ๐๐๐ง๐ฌ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐ ๐ฎ๐ฆ๐ข๐ข ๐ฆ๐๐ซ๐ข๐ข ๐ง๐๐ ๐๐ ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐ข ๐๐๐๐ ๐ข๐๐ ๐ญ๐โ๐๐ง
Komishiniin Gamataa Afriikaa (AUC) miseensoota gumii olaanaan mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi humnootii Tigraay jidduutti Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamuf jiru gaggeessanii ifa taasise.
Dura taโaan Komishinichaa Mahammat Musaa Faakii, ibsa Onkolooleessa 6, 2022 baaseen akka jedheetti, miseensoonni gumii olaanaa kunis namoota Afriikaa kanneen maqaa gaarii qabaniif beekamoo kan haammatee fi itti yaadamuun marii nagaa Itoophiyaa kana qofaaf kan walitti qabamaniidha.
Haaluma kanaanis, miseensoonni gumii marii nagaa kanaa Gaanfa Afriikaatti Bakka Buโaa olaanaa Gamataa Afriikaa fi pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii, Oluseeguun Obaasaanjoo dabalatee, pirezidaantii duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi Ittaanaa pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii fi miseensa gumii gamtichaa, Dr Phumzile Mlaambo-Ngcuka faโiin akka hogganamu ifa taasiseera.
Gamtaan Afriikaa xalayaa affeerraa marii guyyoota muraasaan dura mootummaa Itoophiyaatiifi aangaโootta naannoo Tigraayiif erge hordofee, mootummaan Itoophiyaa fi humnootiin TPLF waamicha marii dhiyaateef simachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabiratsiyoon Gabramikaaโel xalayaa Komishinarii Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakiif barreessaniin, ”Waraana kana karaa nagaan furuuf qophiidha,โโ jedhanii ture.
TPLF garee marii kanarratti hirmaatu gara Afrikaa Kibbaa erguuf qophii tahuu ibsuun, dhimmooti ifa hin taane jiraaachuu kaasuun gamticharraa ibsa gaafateera. ”Mariin kuni milkaaโinaan akka jalqabuuf qaamoti biroo akka hirmaatan,โโ baruu akka fedhu ibsuun ni yaadatama.
”Taajjabdootaa akkasuma gaheen hawaasa addunyaa maali?โโ kan jedhu fa’i ture gaaffiin gareen TPLF ibsa gamtichaa itti gaafate ture.
Mootummaan Itoophiyaas gama saatiin marii nagaa waraana kaabaaa Itoophiyaatti humnootii Tigraay waliin gara waggaa lamaatiif gaggeeffame karaa marii nagaatiin furuuf Gamtaa Afriikaan waamicha dhiyaateef fudhachuu beeksiseera.
Komishiiniin Gamataa Afriikaas ibsa isaa ammaa kanaan kutannoo gareewwan lamaan waldhabdee jidduusaanii karaa mariitiin furuudhaaf taasisan simachuu ibseera.
Komishinichi dabalunis, muxannoo balโaa fi dandeettii hooggansaa addaa miseensoonni gumichaa qaban paartiilee lameen jidduutti marii ijaaraa fi gara waraana Kaaba Itoophiyaa mariidhaan furuutti geessuu akka qaban amantaa qabaachuu ibseera.
Akkasumas qaamooleen lameen ummata Itoophiyaa hundaa fi naannoo Gaanfa Afriikaa guddichaaf jecha nagaadhaaf carraa akka kennaniif waamicha taasiseera.
M๏ปฟootummaan Itoophiyaa fi hunmootiin Tigraay maqaa namoota bakka isaan bu’un marii nagaa irratti hirmaatan ifa taasisuun isaanii ni yaadatama.
W๏ปฟaaraanni kaaba Itoophiyaatti mootummaa federaalaa fi humnootii TPLF jidduutti gaggeeffamu erga eegalee waggoota lama guutuuf torbanooti kan hafe yoo ta’u badii lubbuu namoota kumaatamaa fi badiinsa qabeenyaa hedduutiif madda ta’eera.
W๏ปฟaraanaa lammiilee miiliyoonoti qee’efii qabeenyaa isaanii irraa akka buqqaafamaniif madda ta’e kana karaa nagaatiin furuuf yaaliiwwan nagaa yeroo garaa garaatti taasifamaa turan illeen hanga ammaatti nagaa qabatamaan bu’u hin dandeenye.
M๏ปฟariin nagaa tibbana dahoo Gamataa Afriikaa jalatti gaggeeffamuu jiru kunis Afrii Kibbaatti Sambataa fi Dilbata ni taa’ama jedhamee eegama.
Maddi: BBC
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *