Godina Wallagga Bahaa keessatti lammiilee nagaan hidhattoota Faannoo fi waraana mootummaan ajjeesaman
Shororkeessitootni Faannoo fi Hidhattootni Mootumma Waliin Dhaabbatanii Jiran Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa Keessatti Lubbuu Lammiilee Nagaa Galaafatan
Guyyaa har’aa Onkoloolessa 09,2022 Goolessitootni Faannoo fi hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa waliin ta’uudhaan ummata nagaa irratti duulaa jiran Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa ganda Guutee Guddinaa jedhamu keessatti haleellaa raawwataniin ilmaan Oromoo 5 ol ta’an lubbuun isaanii darbuu maddeen keenya gabaasaniiru.
- Obbo Fiqiree Dhiinsaa
- Gaaddisaa Fiqiree – Ilma Obbo Fiqiree Dhiinsaa
- Balaay Kabbadee fi namootni lama ammaaf maqaan isaanii hin baramin jiru haleellaa har’a goolessitootni Faannoo fi hidhattootni mootummaa waliin ijaaramuun sossohan raawwataniin lubbuun isaanii darbee jira.
Kana malees ijoolleen Obbo Fiqiree Dhiinsaa shamarran lamaa fi daa’imni waggaa 4 kan Obbo Dhugaasaa Amantee ta’e madaa’anii hospitaala Giddaa Ayyaanaa seenanii akka jiran maddeen keenya ifa godhanii jiran.
Namootni du’anis ta’e kanneen madaa’an lakkoobsi isaanii dabaluu akka danda’u kan gabaasan maddeen keenya, qabeenyi ummataa gariin yoo saamamu, kaan ammoo barbadaa’uu addeessan.
Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humni finxaaleyyii Faannoo fi hidhattootni mootummaa gamtoomaan sossohan, ummata siviilii irratti haleellaa dhaabbataan geggeessaa jiraniin lammiilee Oromoo dhibbootaan ajjeesanii, kumoota kudhanootaan qe’ee irraa buqqisanii, qabeenya maallaqa miliyoonotatti shallagamu mancaasuun duguuggaa sanyii fi yakka waraanaa raawwataa jiran.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *