Jaal Mo’ii Baqqalaa irratti haleellaa fudhatameen wareegame

Yeroo adda addaatti hidhaan gidirsamaa fi sochii dargaggoota Oromoo keessatti qooda guddaa qabaachaa kan ture miseensi Gumii Sabaa ABO J/Moโiboon Baqqalaa Onkoloolessa 12,2022 guyyaa harโaa galgala kana naannoo Saansuusii jedhamutti haala nama gaddisiisuun rasaasa lamaan mataa irra rukutamee hospitaala Abeet jedhamu naannoo Goojjam Baarrandaatti argamutti waldhaansa irra akka jiru ibsameera.
Akka odeessi arganne ibsutti Jaal Moโiboon hanga ammaatti lubbuudhaan jira. Haleellaan irratti raawwatame ulfaataa waan taโeef, lubbuu isaa hambisuudhaaf namnuu waan dandaโuun itti dirmatuu qaba jenna.
Sirna mootummaa Bilxiginnaa jalatti miseensii fi deggeraan ABO, darbees sab-boontotnii fi qeerroon Oromoo nagaan baโanii galuun kan yeroo kamii caalaatti ulfaataa taโaa dhufuu tarkaanfii gaddisiisaa fi rifaasisaan dargaggoo Moโiboon Baqqalaa irratti fudhatame ragaa guddaa dha.

Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *