๐—œ๐—ฏ๐˜€๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ ๐—/๐— ๐—ผโ€™๐—ถ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐—•๐—ฎ๐—พ๐—พ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ; ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜€๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—”๐—•๐—ข ๐—ž๐—ผ๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐˜๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ

๐—œ๐—ฏ๐˜€๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ ๐—/๐— ๐—ผโ€™๐—ถ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐—•๐—ฎ๐—พ๐—พ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ; ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜€๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—”๐—•๐—ข ๐—ž๐—ผ๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐˜๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ

Miseensotni ABO Konyaa Atlantaa Ajjeefamuu J/Mo’iboon Baqqalaatti gadda isaanii ibsatan

๐—œ๐—ฏ๐˜€๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ ๐—/๐— ๐—ผโ€™๐—ถ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐—•๐—ฎ๐—พ๐—พ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ; ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜€๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—”๐—•๐—ข ๐—ž๐—ผ๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐˜๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ

Bara dhufaa-darbaa bulchiinsa mootummoota gabroomfatoo Impaayera Itoophiyaa keessatti Oromootaa fi miseensota dhaabbiilee siyaasaa mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoof falmaa turanii fi itti jiran hidhaanii hiraarsuu, zaliiluu, ajjeessuu, qaamaa hirโ€™isuun akkuma itti fufetti jira. Hardhas mootummaan PP daba mootummoonni Itoophiyaa duraanii Oromoo irratti gochaa turan sana daran jabeessee raawwachaa jira.

Ajjeechaan Artist Haacaaluu Hundeessaa, Amanueโ€™el Wandimmuu, Abbootii Gadaa Karrayyuu, Abbaa Seeraa Abduljabbaar Huseen, Qeerroo fi Qarree Irreecha duraanii fi kan bara 2022, fixiinsi fi godaansisi Oromoota Walloo, Baalee fi Agamsaa, akkasumas Oromoota biroo irratti raawwataman onnee nu dhiigsan; Akka sabaatti jirraawoo jennee akka if gaafannu nu taasisan. Ajjeechaaleen kunneen marti isaan quubsuu hanqannaan ammas J/Moโ€™iboon Baqqalaa, qaroo Oromoo, Miseensa Gumii Sabaa ABO, Onk. 12,2022 galaafataniiru.

Yaa ummata Oromoo balโ€™a, haga yoomiitti dinni biyya abbaa keetii keessatti dhiiga ilmaan keetii dhangalaasuu itti fufa? Haga yoomiitti ummata kee lafa abbaa isaa irraa buqqisee beelaa fi dhukkuba, walumaagalatti hiyyummatti saaxil-baasee kadhattoota taasisa? Gaaffilee kunneeniif akka sabaatti deebii kennuu qabna.

Maatii J/Moโ€™iboon Baqqalaa fi hiriyoota isaa, Oromoota diinota Oromootiin galaafataman maraaf, akkasumas miseensota ABOf jajjabina hawwaa, waamicha armaan gadii ummata Oromootiif dhiheessina:

  1. Yammuu diinni ilmaan keenya meesha-maleeyyii mana ofii keessattis taโ€™e mana ofii keessaa gadi harkisee qalu, karaa irratti galaafatu, manneen hidhaa keessaa gadi baasee nam-tokkeen ykn jumlaan rashanee awwaala dhorku, Oromoota manneen isaanii waliin walitti gubu, beeyilada isaanii qalatee nyaatu, ooffatees fudhatee galu, imimmaan roobsaa gadda taaโ€™uun qofti diina nu irraa kutuu hin dandaโ€™u. Gaddi nutti seene, gadda maatiwwaan ilmaan irraa ajjefamanii qofa miti; gaddichi akka sabaatti nutti gale. Duguuggaa sanyiitu nu irratti raawwatamaa jira. Lafa abbaa isaanii irraa buqqaaafamuu, ajjeechaa jumlaa fi nam-tokkee ummata keenya irra gahaa jiru cimsinee ni balaaleffanna. Miidhaan gita hin qabne akkasii akka nu irraa dhaabbatuuf falmaa keenya haqa-qabeessa kana wal ijaarree akka itti fufnu yaamicha ummata Oromootiif dhiheessina.
  2. Mootummaan Itoophiyaa fi waahillan isaa adda tolfachuudhaan ummata Oromoo danuu qeโ€™ee isaanii irraa buqqqisanii koolu-galtumaatti saxil- baasaniiru. Kanaaf, ummata keenya daaโ€™immanii fi hawwan ofii waliin gidiraa hammaataa keessa jiraniif harka gargaarsaa keenya haa diriirsinu jechuun yaamicha ummata Oromoo biyya keessaa fi biyya ambaa jiraniif dabarsina.
  3. Ajjeechaa J/Moโ€™iboon Baqqalaa irratti raawwaatameef qaamni walaba taโ€™e qorannoo gaggeessee, haqni bahee, kanneen ajjeechaa suukanneessaa kana raawwatan seeratti akka dhihaatan gaafanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Miseensota ABO Konyaa Atlaantaa

Onkoloolessa 17, 2022

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO