๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐–๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š ๐๐š๐ก๐š๐š ๐Ž๐ง๐š ๐’๐š๐š๐ฌ๐ข๐ ๐ ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฅ๐š๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ก๐ž๐๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐š๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐ง

Baha Wallaggaa keessatti ajjechaan ummata nagaa irratti deemsisamu hammaate

๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐–๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š ๐๐š๐ก๐š๐š ๐Ž๐ง๐š ๐’๐š๐š๐ฌ๐ข๐ ๐ ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฅ๐š๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ก๐ž๐๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐š๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐ง

Oduun SBO dhaqqabe akka hubachiisutti Onkoloolessa 19,2022 guyyaa kaleessaa Godina Wallagga Bahaa Ona Saasiggaa ganda Tsiggee jedhamtu keessatti humnootni finxaaleyyii fi shororkeessitootni Faannoo fi hidhattootni mootummaa maqaa โ€œShanee balโ€™eessuuโ€ jedhuun haleellaa ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irratti fudhataniin namootni 20 ol lubbuu kan dhaban yoo taโ€™u, gariin madaaโ€™aniiru.

  1. Obbo Kaashun Adaanee
  2. Obbo Iddoosaa Asfawuu
  3. Obbo Gammachuu Baqqalaa
  4. Obbo Olaanaa Bultii
  5. Obbo Tolaa Dirbabaa
  6. Obbo Matiwoos Mulaatuu
  7. Obbo Guddinaa Gaarii
  8. Obbo Xilahun Kitilaa fi
  9. Obbo Balโ€™inaa Tarreessaa kan jedhaman kanneen ajjeesaman keessaa warra maqaan isaanii nu gahee dha.
  1. Obbo Bultii Olfuudhaa
  2. Obbo Faantahun Mitikkuu fi
  3. Obbo Daawwit Dabalaa kanneen jedhaman warra madaaโ€™an keessatti akka argaman oduun kun dabalee hubachiisa.

Qabeenyi ummataa akka saamamee fi gariin ibiddaan akka barbadeeffame illee maddeen gabaasaniiru.

Waraanni ummata nagaa irratti deemsisamaa jiru kun itti fufee waan jiruuf, haalli naannoos akkaan rakkisaa waan taโ€™eef, nama duโ€™e, madaaโ€™ee fi jiru sirnaan adda baasachuun rakkisaa taโ€™uu oduu SBO dhaqqabe irraa hubachuun ni dandaโ€™ama.

Onkoloolessa 15,2022 irraa qabee hanga Onkoloolessa 18,2022 gidduutti Godina Wallagga Bahaa Kiiramuu fi naannoo sanatti lammiileen Oromoo 40 ol taโ€™an goolessitoota Faannoo fi hidhattoota mootummaan ajjeesamuu  SBO dabalatee maddeen oduu garagaraa gabaasuun kan yaadatamuu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO