Gujii Bahaa fi Wallagga Lixaa keessatti namootni ajjeefaman
Godina Gujii Bahaa Ona Gooroo Doolaa, Godina Wallagga Lixaa Onoota Qondaalaa fi Mandii keessatti namootni 8 Hidhattoota Mootummaa Bilxiginnaan ajjeesaman
Guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 22/2022 Godina Gujii Bahaa Ona Gooroo Doolaa Ganda Mucoo bakka addaa Haroo Galmaa jedhamuun beekamutti ilmaan Oromoo lakkoofsaan jaha (6) ta’an WBO deggertu jedhamanii hidhattootta pp’n rashanamuu odeessi SBO dhaqqabe ifa taasisa.
Namootni kunneen hidhattoota kanaan erga to’atamanii booda rasaasa itti roobsuun bakka tokkotti jumlaan ajjeesuu maddeen naannoo ifa godhaniiru.
Maqaan namoota jahan (6)’n kunneenii
1, Jamaal Gololchaa
2, Sulxaan Gololchaa
3, Isiyaaq Kundhee
4, Kadiir Uddoo
5, Hawoo Useen Jiloo
6, Tundhee Nagaasaati kanneen jedhamanii dha.
Haaluma wal fakkaatuun Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Onoota Qondaalaa fi Mana Sibuu keessattis namootni hedduun hidhattootuma mootummaa kanaan ajjeesamuu fi kaan ammoo to’atamanii deemuun du’aaf jiraan isaanii kan adda hin ba’in ta’uu gabaasaan naannicha irraa nu dhaqqabe ifoomsee jira.
Kanneen ajjeefaman keessaa namoota 2 kan maqaa arganne
1. Muzayan Waggaa fi
2. Yohaannis Gabayyoo oggaa ta’an
Kanneen mana hidhaa jiraachuun isaanii adda baafame ammoo,
1. Maammee Waggaa
2. Nasiraa waggaa
3. Luba Ragga`aa Hanbisaa
4. Amaanu`el Gabayyo fi
5. Jootee Zalaala namoota jedhamanii dha.
Namootni kun maatiima tokko keessaa kaan du’ee kaan ammoo mana hidhaatti kan argamuu fi kan achi buuteen dhabames jiraachuun baramee jira.
Ijoolleen maatii tokkoo du’aa walii awwaaluu, ka dhabame barbaaddachuu fi kan hidhame gaafachuu illee hanqatanii jirus jedha odeessi kun.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *