Kongiresiin Federaalawaa Oromoo KFOn Ajjechaa Oromiyaa keessatti mootummaan Itophiyaa raawwataa jiru balaaleffachuun, Ajjechaan kun hatattamaan akka dhaabbatus gaafate.
Ajjeechaa Naannoo Oromiyaa Keessatti Geggeeffama Jiru Ilaalchisee Ibsa Ejjannoo Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname
Biyya Itoophiyaa keessatti jijjiramni qabsoo ummataatin sirna mootummaa abbaa irree ADWUI ofirraa kuffisuuf geggeefame butamee cehumsi gara diimookirasii godhamu erga fashala’ee asi waldhabdeen siyaasaa walwaraansa lubbuu namoota nagaa kumaatamaan galaafate erga dhalatee bubbulee jira. KFOn akka jaarmiya siyaasatti rakkoon siyaasaa afaan qawweetiin geggeefamu dhaabbatee gara siyaasa barcumaatti akka deebiú waltajjii argate hundatti yaamicha dhiyeessa turee nihubatama. Haa taú malee, walwaraansi Naannoo Oromiyaa keessatti geggeefamaa jiru daran hammaatee ummanni Oromoo xiyyaara waraanaa fi dirooniin qeéen isaa gubataa, ilmaan isaa gara jabinaan boombii fi rasaasan waxalamaa jiru.
Humni aangoo mootummaa qabatee biyyaan bulchaa jedhaa jiru rakkoo siyaasaa furachuu dhabuu isaatiin, naan furadha yoo jedhe ammoo qawwee qofaan jechuun, humnoonni isaa namoota nagaa irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachaa ajjeesaa, manaa fi midhaan irratti gubaa kaan buqqisaa jiru. Kana biras darbee maqaa tarkaanfii farra riphee loltuu jedhuun Humnoota Fiinxaaleyyii Naannoo Amaaraa Faannoo jedhame beekamu dabalatee humnoonni adda addaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Oromiyaan ala ijaaramanii mootummaanifi deeggaraman kan baayátan yoo taú; humnoonni kunis ajjeechaa namoota nagaa irratti baldhinaan bobbafamanii jiru. Akkuma walii galatti miidhaan kallattii baayyeedhaan ummata Oromoo irraa gahaa akka jiru hubanneerra.
Dhiheenya kana Naannoo Oromiyaa eddoowwan garaa garaa keessatti haleellaan lammilee nagaa irratti kallattiin humnoota mootummaa fi fiinxaaleyyii Amaaraa Faannoo dabalatee geggeefamaa jiru hammaatee jira. Bultiiwwan 14 Jiá Onkoloolessa keessa qofa waliigalatti namoonni nagaa lakkoofsaan 120 ol garaa jabinaan ajjeefamaniiru.
Onkoloolessa 5, 2015 Godina wallaggaa Bahaa Aaanaa Kiiramuutti humnoota fiinxaaleyyii Amaaraa Fannoo jedhaman kan mootumman deeggaraman Oromoota nagaa 30 kan ajjeesan yoo taú haaluma walfakkaatun humnoonni kun Onkoloolessa 9, 2015 godina Wallagga Bahaa Aaanaa Saasiggaa ganda Tsiggee jedhamutti lammilee Oromoo saddeeti haala suukaneessaa taéen ajeesaniiru. Kan ajjeefaman keessa abbaa qabeenyaa mana daabboo Obboo Kaasaahun Adaanee kan jedhaman nama nagaa daabboo gurguree jiraatu billan morma gorraánii ajjeesaniiru. Yeroo ajjeechaan kun raawwatamu ummani naannichaa humna mootummaa naannoo Magaalaa Naqamtee jirutti iyyachuuf wayita adeeman deebii hin arganne. Ummanni miidhamni irra gahe jiru kun Humna Raayyaa ittisa biyyaa dhiheenyatti Masaraa Kumsaa Moroddaa qubatee jirutti lubbuu nubaraaraa jedee iyyannoof yoo deemu qawwee itti dhukaasuun akka bittinaayu godhamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Onkoloolessa 9, 2015 Godina Shawaa Lixaa Aaanaa Meettaa Walqixxee ganda Qarree Heexoo jedhamutti rukuttaa diroonii humnoota mootummaatiin geggeefameen daaímman, dubartootafi maanguddoota dabalatee namoonni nagaa 14 ajjeefamanii jiru. Haleellaa kanaan manneetiin jireenyaa fi manni barumsaa mancaée jira. Haaluma walfakkaatun Onkoloolessa 12, 2015 Godina Wallagaa Bahaa Aaanaa Waamaa Agalootti, akkasumas Onkoloolessa 13, 2015 Godina Shawaa Bahaa Aaanaa Fantaalleetti haleellaa xiyyaraa waraanaa Mig 29 jedhamuun raawwatameen lammileen nagaa ajjeefamaniiru.
Gama biraatiin Onkoloolessa 13, 2015 Godina Shawaa Lixaa Aaanaa Coobii ganda Bakkee Oofuu jedhamutti haal ittigaffatamummaa hinqabneen halellaa diroonii humnoota mootummaatiin raawwatameen daaímman umrii 7 fi 10 qaban, haadha daaímaa, maanguddoo, akkasumas qaama miidhamaa gurri hin dhageenne dabalatee namoonni nagaa 38 ajjeefamaniiru. Haadha Daaímaa Alamituu Jaagaamaa, Daaíma umriinsa ganna 10 Qabbanee Tasfaayee, fi qaama miidhamaa Tujaraa Dabal Jabeessa jedhaman bakka qonna isaaniitti otuu oomisha boqqoolloo sassabataa jiranuu kan gara jabinaan ajjeefaman keessa jiru.
Walumaa galatti mootummaan aangoo qabatee jiru dirqama nagaa ummataa eegsisuu bahachuu dadhabuu bira dabree humnoota isaatii fi humnoota isaan deeggaraman waliin taúun dirooni fii xiyyaara waraanaa fayyadamee ajjeechaa ummata nagaa irratti bobbaée jira. Ajjeechawwan fi dararaan ummata Oromoo irra gahaa jiru akka ukkamfamee hafus haal qindaaween odeeffannoon akka hinbane godhamaa jira. Kun immoo yakka dhala namaa irratti raawwateefi seera adduynaatis kan cabseedha.
Kana waan taéef :
1/Ummanni addunyaa dararaa daangaa dabre ummata Oromoo irratti mootummaa biyya bulchaa jira ofiin jedhuun gahaa jiru akka beeku;
2/Miidiyaaleen addunyaa fi jaarmiyaaleen mirga dhala namoomaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan gaafanna.
3/Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii keessumattuu Gumiin Nageenya Addunyaa dhimma kana irratti attattamaan akka mariátee qaamolee bilisa taániin ajjeechawwan kunneen akka qoratamanii humnoonni sarbaama mirga dhala namaa kana irratti hirmaatan akka seeraan gaafataman kallattii akka kaayan gaafanna.
4/Jaarmiyaaleen siiviilii biyya keessaafi alaa, kan mirga dhala namaa fi miidiyaaleen Oromoo gochaa gara jabinaa kana saaxiluun ummata isaanitiif akka sagalee taán gaafanna.
5/Ummani Oromoo balaa irratti aggamame kana hubatee qabsoo mirga ofii kabachiisuu jaarmiyalee isaa cinaa hiriiree akka itti fufu waamicha dhiyeessina.
6/Jarmiyaaleen wal waraanaa jiran hundumtuu waraanaafi walitti bu’iinsa ummata miidhuu kanarraa of-qusachuun waltajjii mariifi araaratti akka deebi’aan waamicha goona.
Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Onkoloolessa 14, 2015


Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *