Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eessoo keessatti Maatii Shanee ti kan jedhuun namootni nagaan ajjeesaman.

Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eessoo keessatti Maatii Shanee ti kan jedhuun namootni nagaan ajjeesaman.

Mi’eessoo keessatti lammiileen nagaan lama ajjeefaman

Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eessoo keessatti Maatii Shanee ti kan jedhuun namootni nagaan ajjeesaman.

Onkoloolessa 25,2022 guyyaa kaleessaa Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eessoo araddaa Daalachaa, ganda Qimiixxaa jedhamu keessatti hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa namoota nagaa 2 hojjetatanii jiraatan maatii Shanee ti ittiin jechuun ummata walitti qabanii fuula isaanii duratti akka akka ajjeesan beekuun danda’ameera.

Namootni gara jabinaan hidhattootni mootummaa Bilxiginnaan ajjeesaman kunniin Maammad Aliyyii Adamii fi Alii Xayyib kan jedhamanii dha.

Kana malees guyyuma kana manneen ummataa 5 ibiddaan akka barbadeessan ibsameera. Aammad Maammad, Abdii Aammad, Abdallaa Maammad Waaree, Adam Umaree Wadaayii fi Abdii Maammad Surur kannen manni jalaa gubatee dha.

Ummata nagaatti waraana fiduun akka lubbuun namaa darbuu fi manneen ummataa barbadaawu kan gochaa jiru bulchaa araddaa Daalachaa nama Shiitee jedhamu akka ta’es oduun arganne ifa godha. Ofiifis itti dhukaasee ajjeesuu keessaa akka harka qabu barameera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO