Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallagga keessaa lammiileen buqqa’an qaama isaan gargaaru dhaban
Godinaalee Wallaggaa Lamaan Keessatti Lammiileen Oromoo Qe’ee Ofii Irraa Buqqa’anii Bakkoota Adda Addaa Jiran Gargaarsa Dhabuu Irraa Akka Rakkataa Jiran Iyyatan
Naannoo Oromiyaa Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallaggaa Bahaa irraa ji’a tokko darbe keessa namoonni sababaa rakkoo nageenyaan buqqa’anii Ona Amuruu magaalaa Agamsaa fi Ona Kiiramuu keessa bakka adda addaa qubatanii jiran gargaarsa dhabuu irraa akkaan rakkataa jiraachuu isaanii maddeen gabaasaniiru.
Kanneen sababaa rakkoo nageenyaatiin manaa fi qe’ee ofii irraa buqqa’an Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessa namoonni kuma 61 ol ta’an, Wallaggaa Bahaa keessa ammoo namoonni kuma 117 ol ta’an bakkoota adda addaatti faca’anii gargaarsa dhabuun akka rakkataa jiran VOAn namoota kana waabeffachuun gabaaseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *