Amerikaa Washingiten DC.tti Guyyaa Har’aa Sadaasa 02,2022 Hawaasni Oromoo Hiriira Mormii Sirna PP Geggeesse.

<strong>Amerikaa Washingiten DC.tti Guyyaa Har’aa Sadaasa 02,2022 Hawaasni Oromoo Hiriira Mormii Sirna PP Geggeesse.</strong>

Hawaasni Oromoo Washington DC. Hiriira Balaaleffannaa geggeesse

Amerikaa Washingiten DC.tti Guyyaa Har’aa Sadaasa 02,2022 Hawaasni Oromoo Hiriira Mormii Sirna PP Geggeesse.

Amerikaa Washingiten DC.tti Guyyaa Har’aa Sadaasa 02,2022 Hawaasni Oromoo Hiriira Mormii Sirna PP Geggeesse.

Oduun arganne akka hubachiisutti magaalaa guddoo Amerikaa Washingiton DC.tti kan argamu hawaasni Oromoo guyyaa har’aa Sadaasa 02,2022 hiriira mormii geggeessuudhaan mootummaa PP ummata Oromoo meesha maleeyyii xayyaara lolaan fixaa jiru balaaleffataniiru.

Duguuggaan sanyii ummata keenya irratti mootummaa PPn geggeessamaa jiru ammaa fi ammatti dhaabbachuu qaba kan jedhan hawaasni Oromoo hiriira kana irratti argaman, mootummaan Amerikaa fi hawaasni addunyaa yakka waraanaa Oromiyaa keessatti mootummaa PPn raawwatamaa jiruuf xiyyeeffannoo akka kennanii fi sirnicha irratti dhiibbaa akka godhan gaafataniiru.

Onkoloolessa 27,2022 hawaasni Oromoo UK magaalaa Londonitti hiriira fakkaataa geggeessuun kan yaadatamu yoo ta’u, hawaasni Oromoo Jarman ammoo Sadaasa 04,2022 Jimaata dhufu magaalaa Berlinitti hiriira fakkaataa qopheessaa jiraachuun gabaasameera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO