Haleellaa xayyaara waraanaa nam-maleeyyii Diroonii jedhamtuun magaalaa Biilaatti raawwatameen gaaga’amni guddaan dhaqqabe
Duguuggaa Sanyii Magaalota Biilaa fi Qilxu-kaarraa

- Haleellaa xayyaaraa mootummaan PP magaalaa Biilaatti ummata siviilii irratti Sadaasa 02,2022 fudhateen yo xiqqaate namootni 80 ol ajjeefamaniiru. Dhibbootaan madaa’aniiru,
- Amma iyyuu reeffi magaalaa keessaa funaanamee gara Hospitaalaatti guuramaa akka jiru jiraattotni magaalaa Biilaa ni dubbatu,
- Jiraattotni magaalaa Biilaa fi gandootni naannoo magaalaa jiran ijoollee isaanii haleellaa kanaan dhumatan qaamni waan guggubateef adda baasanii reeffa ijoollee isaanii fudhatuun isaan rakkiseera,
- Ganda naannoo magaalaa Biilaatti argamtu Boobinee irraa ijoollee 30 oltu duโe. Akkasumas Didibbee irraa ijoollee 10 oltu duโe. Gandootni naannoo magaalaa Biilaatti argaman hunda keessaa ijoolleen dhumatteetti. Ijoolleen kun hundi magaalaa Biilaatti kan haleellaa xayyaara waraanaa nam-maleeyyii Diroonii jedhamuun kan ajjeesaman,
- Namootni baayโeen akka malee waan madaaโaniif buufata waldhaansaatti geessamanis, sababa waldhaansi gaโaa fi dawaan hin jirreef lubbuun darbaa jira. Sababa kanaan lakkoobsi nama duโee ol kaโuu akka dandaโu illee himamaa jira,
- Bakki duguuggaan sanyii kun ummata qulqulluu irratti itti raawwatame kun magaalaa Biilaa naannoo Baankiitti taโuun ibsameera. Ijoollee duute kana keessatti barattootni Yunversitii akka argaman oduun jiru ifa godha,
- Dhiigni ummataa akka malee dhangalaโe. Magaalaan Biilaa takkaa seenaa ishee keessatti waan argitee hin beekne akka keessummeessite, gadda akka uffattee fi waan uumame kanaan ummatni gar-malee shororkaawuun mulโateera,
Abbaan ilma isaa qabatee akka deemaa turetti, haatii fi mucaan akka waliin jiranitti haleellaa kanaan ajjeefamuu kan gabaasan maddeen magaalaa Biilaa, magaalattiin gadda uffachuu fi yakki waraanaa irratti raawwatamuu ibsu.
Dhumaatii Magaalaa Qilxu-kaarraa
- Sadaasa 01,2022 hidhattootni mootummaa Biltsiginnaa keessumaa humni miliishaa fi Humni Addaa Oromiyaa ummata nagaa meesha-maleeyyii irratti dhukaasa kallattiin dhukaasa bananiin yo xiqqaate namoota 30 ol ajjeesaniiru. Kana keessaa namootni 18 mana hidhaa keessatti warra ajjeesaman taโuu oduun boodana baโaa jiru ifa godha,
- Magaalaa kanattis irra jireessaan kan ajjeesame ijoollee taโuun hubatameera,
Duguuggaan sanyii, yakki waraanaa hagas ulfaatu osoo ummata meesha-maleeyyii irratti raawwatamee jiruu, garuu dhageettii miidiyaa dhabee dhiigni ummata qulqulluu jige, lubbuun ba’e dhokfamaa jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *