Mootummaan Itoophiyaa amma aangoo irra jiru, erga Ebla 2018 aangootti bahee kaasee naannolee Dhihaa fi Kibba Oromiyaatti lammiilee fayyaaleyyii (Siviilota) akkaan maleetti ajjeesaa jira.
Waldaan Ogeeyyii Seeraa Oromoo Idil Addunyaa Haleellaa Xiyyaara Nam-maleeyyii (Dirooniin) Dhiha Oromiyaatti Lammiilee Siviilii Irratti Raawwatame Cimsee Balaaleffata.
Mootummaan Itoophiyaa amma aangoo irra jiru, erga Ebla 2018 aangootti bahee kaasee naannolee Dhihaa fi Kibba Oromiyaatti lammiilee fayyaaleyyii (Siviilota) akkaan maleetti ajjeesaa jira. Dhiha Oromiyaatti haleellaa isaa cimsee itti fufuun xiyyaara nam-maleeyyii (Diroonii) fi Jettoota waraanaatiin haleellaa boombii qilleensa irraan manneen barnootaa fi iddoowwan gabaatti raawwateen daa’immanii fi maanguddoota dabalatee lammiileen fayyaaleyyiin dhibbootaan lakkaawaman ajjeefamaniiru.
Dhiyoo kanas mootummaan Itoophiyaa Dhiha Oromiyaatti haleellaa diroonii hedduu raawwatee jira. Onkoloolessa 19 fi 23 bara 2022 haleellaa xiyyaarota nam-maleeyyiitiin Dhiha Shawaa Ona Cobii, Meettaa Walqixxee keessatti lammiileen nagaa dhibba tokkoo ol ajjeefamaniiru. Sadaasa 2, 2022 mootummaan xiyyaarota nam-maleeyyii naannichatti bobbaaseen booda daa’imman, barattootaa fi manguddootni kan keesatti argaman namoota nagaa hedduu lubbuu galaafate. Sadaasa 9, 2022 mootummaan Itoophiyaa magaalaa Mandiitti haleellaa Dirooniidhaan lammiilee siviilii irratti raawwateen namoota hedduu ajjeesuun kanneen dhibbaan lakkaawaman ammoo madeessee jira. Waldaan Ogeeyyii Seeraa Oromoo Idil Addunyaa gochaa yakkaa kanaaf wabii namoota ijaan arganii, suuraalee fi waraabbii viidiyoo akka ragaatti qaba.
Haleellaa suukaneessaa mootummaan lammiilee nagaa irratti raawwataa jiru balaaleffataa, hawaasni addunyaa tarkaanfii hatattamaa akka fudhatuu fi dhumaatii biroo dhaqqabu dhaabsisuuf akka hojjetu gaafanna. Yakkamtoonni kunneen, kan mootummaan Itoophiyaa qaama waliigaltichaa tahe, Waliigaltee Jeneevaa cabsuudhaan yakka namoomaa raawwataniif gaafatamuu qabu. Itoophiyaan qaama waliigaltee Mana Murtii Yakkamtootaa Idil Addunyaa Roomitti irra gahamee tahuudhaa baattus, Golli Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha akka gara Mana Martii Yakkamtootaa Idil addunyaatti qajeelchu cimsinee gaafanna.
Kan hedduu nama raaju, Itoophiyaan zaliilii fi hiraara akkasumas gochaalee namoom-dhab hammeenyaan guutamanii fi mirga namummaa salphisan dabalatee qaama waliigalteelee idil addunyaa hedduu tahuu ishii ti. Waliigalteeleen kunneen mootummaan lammiilee nagaaf eegumsaa fi wabii akka laatu hubachiisu. Mootummaan Itoophiyaa bakka heeraa fi seera biyyattiifuu kabajaa hin laannetti seerotaa fi waliigalteelee idil addunyaa ni kabaja jennee hin eegnu.
Waldaan Ogeeyyii Seeraa Oromoo Idil Addunyaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa lammiilee siviilii irratti raawwataa jiru akka dhaabuuf dhiibbaa akka irratti taasisu gaafanna. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiittaa mirgoota namootaa Dhiha Oromiyaa, Itoophiyaatti raawwatame akka qoratus cimsinee gaafanna.
Boordii Hoji-raawwachiiftuu Waldaa Ogeeyyii Seeraa Oromoo Idil Addunyaa
Gar፡ Komishinii Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii,
Biiroo Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Mootummaa Yunaaytid Isteet (Ameerikaa),
Gamtaa Awrooppaa,
Amnastii Intarnaashinaal
Hiwumaan Raayitis Woch

Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *