Haleellaa Xayyaaraa Godina Lixa Shaggar Cobiitti Geggeessameen Namootni 59 Du’uu fi Madaa’uun Gabaasame

<strong>Haleellaa Xayyaaraa Godina Lixa Shaggar Cobiitti Geggeessameen Namootni 59 Du’uu fi Madaa’uun Gabaasame</strong>

Haleellaa Xayyaaraa Godina Lixa Shaggar Cobiitti Geggeessameen Namootni 59 Du’uu fi Madaa’uun Gabaasame

Haleellaa Xayyaaraa Godina Lixa Shaggar Cobiitti Geggeessameen Namootni 59 Du’uu fi Madaa’uun Gabaasame

Sadaasa 14,2022 guyyaa har’aa ganama mootummaan Biltsiginnaa haleellaa xayyaaraa yeroo 3f Godina Lixa Shaggar Cobiitti geggeesseen namootni siviilii 21 yoo ajjeesaman 38 ol ammoo madeessamuu maddeen naannoo sanii ifa godhaniiru. Qabeenya ummata irra illee miidhaan dhaqqabuun addeessameera.

Onkoloolessa 23,2022 Cobiidhumatti mootummaan Biltsiginnaa haleellaa xayyaaraa raawwateen ummata siviilii barattootnii fi amantootni keessatti argaman namoota 74 ol iddoo tokkotti fixuu fi 100 ol madeessuun kan yaadatamuu dha.

Onkoloolessa 20,2022 Godinuma Shaggar Lixaa Ona Mettaa Walqixxee, Minaareetti haleellaa qilleensa irraa fudhateen yo xiqqaate namoota 70 yoo ajjeesu, garii ammoo ni madeesse.

Haaluma walfakkaatuun Sadaasa 02,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaattis haleellaa samii irraa raawwateen barattootni kan keessatti argamanii fi irra jireessi isaanii ijoollota ta’an walumatti namoota 80 ol iddoo tokkotti fixuun 100 ol madeessuun ni yaadatama.

Kana malees, Sadaasa 09,2022 Godinuma Wallagga Lixaa Ona Mana Sibuu magaalaa Mandii fi naannoo isheetti haleellaa xayyaaraa deddeebi’ee raawwateen yo xiqqaate ummata meesha-maleeyyii 100 ol ajjeesuu fi dhibbootaan madeessuunis hin dagatamu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO