Hawaasni Oromoo biyya Netherlands Hiriira Mormii geggeesse
๐๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐ ๐๐๐๐ณ๐๐ซ๐ฅ๐๐๐ง๐๐ข๐ฌ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐๐ญ๐๐ง ๐๐จ๐๐ก๐๐ ๐๐ข๐ข๐ง๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ฎ๐ซ๐ง๐ ๐๐ข๐ฑ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ซ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐๐๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐ฎ๐๐๐๐ ๐, ๐๐๐๐ ๐ฆ๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐ ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ก๐ข๐ซ๐ข๐ข๐ซ๐ ๐ ๐๐ ๐ ๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ง.

Lammiileen hiriira Waldaa Hawaasa Oromoo Neezarlaandin qindaaโe kana irratti argaman, haleellaa xayyaaraa fi yakka ajjeechaa bifa adda addaatiin humnoota mootummaa Biltsiginnaa kan Dr.Abiyyi Ahmadiin dursamuun Ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru mormaniiru.
Yakka Faannoo fi hidhattoota Amaaraatiin akkasumas humnoota sirni PP bobbaasee ummata jumlaan fixaa jiru dhaabsisuuf hawaasni addunyaa akka tarkaanfii fudhatu gaafatan.
Kana malees waraanni mootummaa namoota nagaa ajjeeesuu, qe’ee ummataa gubuu, namoota jumlaan hidhaatti guuruu fi yakkoota jajjaboo ummata irratti raawwataa jiru kan jedhan hawaasni Oromoo hiriira baโan kunniin, waraanni Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa irraan gaaga’ama hamaa geessisaa akka jiru ibsan.
Gartuun PP yakka duguuggaa sanyii Oromiyaa keessatti maqaa WBO irratti duuluutiin raawwataa jiruuf akka mana murtii yakkamtootaa idil addunyaa (ICC)tti dhiyaatu akkasumas mootummaan Neezarlaandis gartuu shororkeessaa (State terrorism) gaggeessaa jiru, Biltsiginnaa deeggaruu akka dhaabu dhaadannoolee dhageessisaniin gaafataniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *