๐€๐ค๐ค๐š ๐’๐š๐›๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐’๐š๐ฅ๐ฉ๐ก๐ข๐ง๐š๐ญ๐ฎ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ก๐ฎ๐Ÿ๐ž

๐€๐ค๐ค๐š ๐’๐š๐›๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐’๐š๐ฅ๐ฉ๐ก๐ข๐ง๐š๐ญ๐ฎ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ก๐ฎ๐Ÿ๐ž

Yeroo hamtuu fi ulfaattuu kana keessa tokkummaa feesisa. Sagalee tokkoon kaโ€™anii, wal cina dhaabbatanii roorroo fi salphina akka sabaatti dhufte kana LAKKII NU GAHE! jechuu dha qaba Oromoon. KAโ€™I QEERRO!

๐€๐ค๐ค๐š ๐’๐š๐›๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐’๐š๐ฅ๐ฉ๐ก๐ข๐ง๐š๐ญ๐ฎ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ก๐ฎ๐Ÿ๐ž

Wareegamni Qeerroo kaleessaa gabrummaatti xumura gochuuf, duโ€™aa fi booโ€™icha, gadadoo fi hiraara lammiitti xumura gochuuf ture. Wareegamootni waggootaaf qabsaawotni, sabboontotnii fi Qeerroon Oromoo kafalan dhumaatii fi salphina harโ€™a Oromoo mudataa jiru argamsiisuuf hin turre. Sirna cunqursaa fi gabroomfataa tokko kaasanii, mootummaa fi sirna irra hamaan bakka buusuufis hin turre. Erga waggoota afurii kan taโ€™aa fi argamaa jiru garuu faallaa wareegama qeerroo Oromoo fi waliigala ummata Oromoo ti.

Dhumaatiin dhaqqabaa jiru, salphinni akka sabaatti Oromoo qeโ€™ee isaatti isatti dhufe, gaagaโ€™amni isa mudatee jiru, kan isa teessisu miti. Kana caalaa maaltu Oromootti dhufuu qaba?

Jumlaan ajjeesamaa jira. Salphisameera. Qeโ€™ee isaa keessatti alagaan weeraramee kabajaa namummaan alatti akka bineensaatti ajjeesamee ibiddaan gubataa jira. Reeffi isaa kabajaa dhabee ibiddaan gubachuu caalaa, warri isa ajjeesanii reeffa isaa guban suuraa irratti kaโ€™anii nutu kana si godhe, maal fidda ittiin jedhaa jiru.

Biyya isaa keessatti qeโ€™ee fi qabeenya isaa irraa humna alagaa hidhatee isatti duuleen kumoota dhibbaan buqqaโ€™ee akka hawaasaatti diigameera. Taateen durii seenaa Oromoo keessatti baratamu harโ€™a deebiโ€™ee, tokko lamaan gochi fokkisaan kaleessaa sun harโ€™a jaarraa 21ffaa  kana keessa saba Oromoo mudataa jira. Kana caalaa waan Oromootti dhufu maaltu jira ykn kan hafe maaltu jira?

Salphina kana jalaa Oromoon of baasuu qaba. Roorroo falmatuun dirqama dhala Oromoo ti. Qeerroon Oromoo kaleessa wareega baasee, dhiigaa fi lafee isaan sirna cunqursaa calaase, harโ€™as humni isaa bakkuma jira. Humni kun kaโ€™uu dha qaba.

Yeroo hamtuu fi ulfaattuu kana keessa tokkummaa feesisa. Sagalee tokkoon kaโ€™anii, wal cina dhaabbatanii roorroo fi salphina akka sabaatti dhufte kana LAKKII NU GAHE! jechuu dha qaba Oromoon. KAโ€™I QEERRO!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO