Haleellaa xayyaaraa gandoota Ona Begii keessatti raawwatameen namootni 50 ol ajjeesaman
๐๐๐ ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ซ๐ ๐๐๐ซ๐๐๐ง๐๐ ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ข๐ฅ๐ญ๐ฌ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐๐ง ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐ฆ๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ญ๐ข
Mootummaan Biltsiginnaa xayyaaraa fi humna lafoon Oromiyaa weeraree dhiiga ummata Oromoo akka bishaanii gadi naqaa jiru, guyyaa harโaa kana Begii haleelaa jira.
Akka oduun SBO dhaqqabe ibsutti xayyaarotni waraanaa mootummaa Biltsiginnaa Mudde 05,2022 yeroo ammaa kanatti Godina Wallagga Lixaa Ona Begii ganda Shalxaa jedhamu xayyaara waraanaa MIG-29 jedhamuun haleelaa jira.
Haleellaa kanaan lammiilee nagaan hedduun akka ajjeesamanii fi qabeenyi ummataa gubataa jiraachuu oduun kun ifa godha.
Haala Networkiin citee jiru keessatti ummatni keenya haleellaa qilleensa irraa fi humna lafoon weeraramee jira kan jedhu oduun kun, dhumaatiin suukanneessaan dhaqqabuu akka dandaโu illee akeeka.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *