๐ƒ๐ฎ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ ๐ ๐š๐š ๐ฌ๐š๐ง๐ฒ๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐ฐ๐ž๐ž๐ซ๐š๐ซ๐š ๐ฅ๐š๐Ÿ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ ๐๐ฎ๐ซ๐š ๐๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐ง๐ง๐ž๐ž ๐Ÿ๐š๐ฅ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฆ๐ข๐ซ๐ ๐š ๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ญ๐ข

Bifa takkaa addunyaa irratti mul’atee hin beekneen namni waggaa dheeraaf harka Oromootiin jiraate, lafa Oromoo irra jiraatee of bare garagalee saba isa nyaachisee, obaasee ofitti qabee jiraachise gara jabina daangaa darbaa irratti raawwachuun kan addunyaa guutuu ajab! jechisiisuu dha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jaarraa 10ffaa irraa eegalee babal’ifannaa lafaa kaaba irraa gara kibbaatti taasifameen ummanni Oromoo qe’ee isaa irraa buqqa’ee gara Kibbaatti godaanuu seenaan nu yaadachiisa. Ummanni qe’ee isaa irraa buqqa’e kun jaarraa 16ffaa keessa Sirna Gadaan wal ijaaree duula lafa ofii deebifachuu Madda Walaabuu irraa eegaleen lafa isaa irraa dhiibame deebifatee nagaan jiraataa ture.

Weerartoonni Kaabaa jaarraa 19ffaa keessa duula lammataa Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisaniin ummata sirna ofiin bulaa ture cabsanii sirna ofii itti fe’ani. Ummatichi gabrummaa kana tole jedhee fudhachuu baatu illee, haga har’aatti wareegama kaffalaa, qabsoo hadhooftuu geggeessee eenyummaa isaa itti duulame baraaree har’aan ga’ee jira. Amma illee sirna kana of irraa kaasuuf bifa qindaa’een qabsoo abbaa biyyummaa isaa geggeeffataa jira.

Haa ta’u malee, yeroo ammaa kanas bifa irra deebii weerara jaarraa 19ffaa fakkaatuun leellistoonni sirna mootii kan qabsoo barattoota Oromoo fi fincila qote bulaa Oromootiin 1960ta keessa cabe deebi’ee of haaressuudhaan Kaaba irraa qindaa’ee gara Oromiyaatti babal’ataa jiraachuu namuu argaa jira jennee amanna.

Qindoominni kufaatii mootummaa Wayyaanee booda of ijaaree fi babal’ate kun waggoota sadan arfan darban keessa qophii adda addaa gochaa akka turanii fi caasaa basaasaa fi loojistikii waraanaa qindeeffatanii of qopheessaa akka turan odeeffannooleen adda addaa ba’an ibsaa turaniiru.

Haaluma kanaan waggaa lama dura Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee, Luugoo, Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee, Amuru, Kaaba Shaggar Aanaa Darraa, Baha Shaggar Aanaa Boosat, Kaaba Oromiyaa Walloo (kan takkaa lolli irraa dhaabbatee hin beekne) fi Oromiyaa keessaa bakkoota sabni Amaaraa bal’inaan jiran akka dawootti dhimma itti ba’uudhaan qophii waraanaa fi jeequmsa adda addaa gochaa turaniiru.

Isa ammaa kana kan jaaraa 19ffaa irraa kan adda godhu yoo jiraate, gara jabinni weerartoota bara sanaa harkaa fi harma ilmaan Oromoo irraa muraa kan turan yommuu ta’u, inni ammaa ammoo morma muruu, reeffa namaa abidda itti qabsiisanii gubuu fi akka bineensaatti ciibsanii qaluu dha.

Bifa takkaa addunyaa irratti mul’atee hin beekneen namni waggaa dheeraaf harka Oromootiin jiraate, lafa Oromoo irra jiraatee of bare garagalee saba isa nyaachisee, obaasee ofitti qabee jiraachise gara jabina daangaa darbaa irratti raawwachuun kan addunyaa guutuu ajab! jechisiisuu dha.

Lolli amma Oromoo irratti kallattii adda addaan geggeeffamaa jiru kan PPn qindeessu ta’uu isaa waggaa lama dura kan hubatamee dha. Itti aanaan muummicha ministeeraa Dammaqaa Mokonnon “Sabni Amaaraa bakka jirutti hidhatee of ittisuu qaba” jedhee erga labsee booda, akkasumas Muummichi Ministeeraa “Humni Addaa Amaaraa fi Faannoon daangaa naannolee biroo seenanii nageenya akka kabachiisan kan dhorku hin jiru” jedhee paarlaamaa irratti erga dubbatee booda, lolli Oromoo irratti geggeeffamu daran hammaatee itti fufe. Kana qofa utuu hin taane, humni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi poolisiin Federaalaa garee shororkeessaa ‘Faannoo’ jedhamu tumsuun lola irratti akka hirmaataa jiru haleellaan qilleensaa geggeeffamaa jiru ragaa guddaa dha. Humni Addaa Oromiyaa kan gara ummataa goranii weerartoota kana dura dhaabbatan irratti haleellaan qilleensaa raawwatamuun ragaa kan biraa ti.

Kana waan ta’eef, Qeerroon Bilisummaa Oromoo sochii weerartoota kanaa fi adeemsa PPn Oromiyaa lafa jeequmsaa gochuuf raawwattu dursee hubachuudhaan ummanni Oromoo akka of qopheessu, akka falmatu, barattoonni Oromoo of ijaaranii weerara Oromiyaa irratti deemuu fi ajjeechaa raawwatamu akka dura dhaabbataniif qopheessaa tureera. Qeerroon Bilisummaa Oromoo muuxannoo ganna 20ta darbanii qabuun weerara kamuu, hacuuccaa fi abbaa irree kamuu ummata isaa irraa ittisuuf qophii gochaa tureera.

Barattoonni Oromoo Yunversiitii fi manneen barnootaa adda addaa keessatti ajjeechaa fi weerarri lafaa kun akka dhaabbatu sagalee isaanii dhageessifachuu irratti argamu. Qabsoon ykn mormiin nuti goonu kan barattoota qofa irratti hirkatee hafu ta’uu akka hin qabne hubachiisuudhaan: hojjettoonni mootummaa, miti mootummaa, dhaabbilee siivilii adda addaa, dhaabbileen amantii, qote bulaa fi qaamni hawaasaa hunduu qabsoo abbaa biyyummaaf godhamuu fi weerara Oromiyaa irratti deemu dhaabsisuuf taasifamu kana irratti qooda isaanii akka gumaachan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha godha.

Bakkoota adda addaatti akkuma agarru caasaa nageenyaa mootummaa keessaa Humni Addaa Oromiyaa fi milishaan gandaa weerara Oromiyaa irratti deemaa jiru kana ittisuudhaaf dura dhaabbatanii wareegama baasaa jiru. Isaan kana kan jajjabeessinu ta’uu ibsuudhaan, kanneen poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa jirtan sirna bututee fi Oromoo cabsuuf abbalu kana tumsuu irraa of qusattanii gara ummata keessanii akka gortan irra deebinee waamicha isiniif goona.

Dhuma irratti, ajjeechaa, saamichaa fi qe’ee irraa buqqa’uu sirni PP nutti fide kana dura dhaabbachuu fi weerara Oromiyaa irratti deemaa jiru dura dhaabbannee of irraa qolachuun mirga heerri addunyaa fi uumaan nuuf eyyamu waan ta’eef, bakka jirru irraa kaanee qabsoo abbaa biyyummaa keenya mirkaneessu akka geggeessinu dhaamsa dabarsina. Kana malees, fala siyaasaa kan bu’uura irraa rakkoo furu fala Addi Bilisummaa Oromoo kaa’e ofitti fudhachuudhaan mootummaa mataa ofii ijaarrachuuf akka hojjennu hubachiifna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mudde 6/2022

Finfinnee, Oromiyaa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO