Bulchitootni mootummaa kun gandoota 33 Ona Laga Hidhaa keessatti argaman irratti dirqamaan maallaqa humna ummataan ol taโe murteessuun saamaa fi boossisaa jiru jedhu maddeen keenya.
๐๐๐๐๐ข๐ง๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข๐ข ๐๐ข ๐๐๐๐๐ข๐ซ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐ ๐๐ข๐๐๐-๐๐๐ก๐๐ ๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐๐๐ฅ๐๐ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐๐ช๐๐ ๐๐๐ ๐ ๐๐ซ๐ฌ๐ ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ ๐ฃ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐ก๐ข๐ซ๐๐๐ซ๐ฌ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ.
Kibba-bahaa Godina Baalee Bahaa Ona Laga Hidhaa keessatti kan argaman kaabinootnii fi kaadirootni sirna Bilxiginnaa ummata hongee fi beelli jireenyaan mankaraarsaa jiru gargaaruun hafnaan, mootummaaf gargaarsa kennaa jedhanii dirqiin saamaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
Bulchitootni mootummaa kun gandoota 33 Ona Laga Hidhaa keessatti argaman irratti dirqamaan maallaqa humna ummataan ol taโe murteessuun saamaa fi boossisaa jiru jedhu maddeen keenya.
Waajjirri Daandii onichaa birrii 2,970,000, Waajjirri Bishaanii fi Inerjii birrii 2,475,000, Waajjirri Buusaa Gonofaa birrii 9,900,000 fi Waajjirri Fayyaa birrii 6,600,000, walumatti birrii 21,945,000 gandeen 33 onicha keessatti argaman irratti maqaa sekteraatiin ramadanii ummata ofiifuu beelaa fi hongeen dhumataa jiru saamanii rakkoo daraniif saaxilaa jiru jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.
Namoota saamicha ija baase ummaticha irratti raawwatamaa jiru kana morman โIsin Shanee dhaโ jechuun mana hidhaa Waajjira Poolisaa Ona Beeltootti guuranii hidhuun achi keessatti dararaa jiru jechuun maddeen keenya ifoomsaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *