Manni Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa waraana mootummaa Bilxiginnaan saamame; ilmi isaanii ni hidhame
๐๐๐ซ๐๐๐ง๐ง๐ข ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐๐ง๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐จ๐จ๐๐๐ง๐๐ ๐๐จ๐จ๐ฅ๐๐ ๐ฌ๐๐ค๐๐ญ๐ญ๐โ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐๐๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ฌ๐๐๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ฅ๐ฆ๐ ๐ข๐ฌ๐๐๐ง๐ข๐ข ๐๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ญ๐จโ๐๐ญ๐ง๐๐ ๐ฃ๐๐ฅ๐ ๐จ๐จ๐ฅ๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐๐ ๐โ๐๐ฆ๐.

Humnoonni nageenyaa mootummaa halkan mana jireenyaa Abbaa gadaa Goobanaa Hoolaa Godina Shawaa Bahaa magaala Maqiitti argamu cabsanii seenuun erga saamanii booda, ilma isaanii tokko toโannoo jala oolchuu, Addis Standard Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa waabeffachuun gabaaseera.
Miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa halkan edaa ALItti saโaa 5:00 hamma ganama saโatii 12:00tti qeโee isaanii sakattaโaa erga turanii booda, qarshii 200,000 fi meeshaalee miidhaginaa fi faayaa adda addaa akka saaman Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standarditti himaniiru.
Sababiin tarkaanfii kanaa shakkii ilmi Abbaa Gadaa kan Addunyaa Goobanaa gobla Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Shawaa Bahaa keessa sochoโu hoogganaa jira jedhuun taโuu Abbaan Gadaa ibsaniiru.
Kana malees, humnoonni nageenyaa mootummaa kunneen ilmaan isaanii magaaluma Maqii keessa jiraatu Injinar Badhaanee Goobanaa qeโee isaatii halkan edaa toโannoo jala kan olchan taโuu fi waardiyaa mana isaanii ammoo uleedhaan dhaanuu isaanii Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standardiif himaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *