Miseensa Gameessa ABO Barsiisaa Xilahun Nagawoo boqote
Oduu Gaddaa

Barsiisaa Xilahun Nagawoo qabsa’aa gameessa ABO taโee fi Koree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Magaalaa Hoolataa fi Ona Walmaraa kan ture dhukubsatee Hospitaalatti erga waldhaanamaa ture booda guyyaa har’aa Mudde 24,2022 duโaan boqochuu oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Jaal Xilahun nama hubataa, qabsaโaa ilma biyyaa ture kan jedhe oduun nu dhaqqabe, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hanga guyyaa har’aa addunyaa kana irraa boqoteetti dirqama dhaaba isaa ABO irra itti kennamu amanamummaa fi murannoon baโataa akka ture addeessa.
Jaal Xilahun barsiisaa Yunversitii Amboo (Lecturer at Ambo university College of Social science) tahuun ogummaa isaan hojjechaa akka tures ibsameera.
SBOn lubbuu isaa jannataan haa qananiisu jechaa, maatii, firootaa fi jaallan isaaf jajjabina hawwa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *