Aangawooti Gamtaa Afrikaa, IGAD fi biyyoota adda addaa Maqalee seenan

<strong>Aangawooti Gamtaa Afrikaa, IGAD fi biyyoota adda addaa Maqalee seenan</strong>

Aangawooti Gamtaa Afrikaa, IGAD fi biyyoota adda addaa Maqalee seenan Bakka buutonni Gamtaa Afrikaa fi aangawaa IGAD waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti akka mallattaa’u carraaqaa turan akkasumas Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Mudde 29,2022 kaleessa magaalaa Maqalee seenaniiru. Kaayyoon ijoo aangawoota Gamtaa Afrikaa fi IGAD hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa baatii tokko dura mootummaa fi TPLF

Aangawooti Gamtaa Afrikaa, IGAD fi biyyoota adda addaa Maqalee seenan

Bakka buutonni Gamtaa Afrikaafi IGAD jaarsummaa keessa turan Maqalee kan seenan hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF hordofuufi

Bakka buutonni Gamtaa Afrikaa fi aangawaa IGAD waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti akka mallattaa’u carraaqaa turan akkasumas Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Mudde 29,2022 kaleessa magaalaa Maqalee seenaniiru.

Kaayyoon ijoo aangawoota Gamtaa Afrikaa fi IGAD hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa baatii tokko dura mootummaa fi TPLF gidduutti irra ga’ame hordofuu akka ta’e ibsameera.

Miniseerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa midiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Barreessaa Olaanaan IGAD Dr Warqiinaa Gabayyoon tarsiimoo waloo qaamoleen lamaan irratti waliigalan ifatti eegaluuf Maqalee seenan jedhee jira. Itti dabaluunis, waliigalteen taasifame kana deeggaruuf kutannoo waajjirri isaanii qabu irra deebiin kan mirkanneessan akka ta’e dubbi himaa IGAD eeruun ibseera waajjirichi.

Torban darbe bakka buutonni Gamtaa Afrikaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF waliigaltee irra akka gahan jaarsummaan gargaaraa turan guyyoota itti aanan gara Naannoo Tigraay Maqalee akka deeman ibsuun ni yaadatama.

Qaamolee nagaan akka bu’u sochii taasisaa jiran keessaa dhaabbati IGAD tokko ta’uunis ibsameera.

Mootummaa federaalaa fi bakka bu’oota TPLF jidduutti baatii darbe erga Afriikaa Kibbaatti waliigalteen nagaa mallattaa’een booda, irraa-jalaan tarkaanfiileen waliigalticha hojii irra oolchan fudhatamaa jiraachuunis ibsameera.

Waliigaltichis humnoota Tigraay hidhannoo hiikkachiisuu fi humnoota raayyaa ittisaatiin ala ta’an naannoo Tigraay keessaa baasuu dabalatee, tajaajilawwan hawaasaa waggoota lamaaf naannichattii adda citan deebiisanii eegalchiisuu kan hammatuu dha jechuun maddeen ifa godhu.

Kana malees, ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa fi Awuroopaa biyyoota 30 ol irraa walitti dhufan Maqalee qubachuun isaanii gabaafameera.

Ministirra Haqaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa waliin Maqalee akka seenan miidiyaan naannichaa gabaaseera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO