Barsiisota Oromoo mana barumsaa Jeneral Waaqoo Guutuu irratti dhiibbaan godhamu hammaate
๐ ๐ข๐ง๐๐ข๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐ง๐ ๐๐๐ซ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐๐ ๐๐๐ง๐๐ซ๐๐ฅ ๐๐๐๐ช๐จ๐จ ๐๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ซ๐๐ซ๐๐๐ง ๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ซ๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐จ๐๐ก๐๐ฆ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ ๐ก๐๐ฆ๐ฆ๐๐๐ญ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐.
Finfinnee Mana Barumsaa Jeneral Waaqoo Guutuutti dararaan hojjeettootaa fi barattoota Oromoo irratti godhamaa jiru hammaatee jira.
Addatti barsiisota sabboontotaa fi aantummaa ummataa akkasumaas hojii isaaniitti illee cimoo ta’an irratti duulli kun xiyyeeffatee jira jechuun maddeen ifa godhu.
Haaluma kanaan barsiisota ciccimoo lakkoofsaan 11 ta’an, gariin fedhii isaanii malee mana barumsaa birootti yoo jijjiiraman, barsiisota afur (4) immoo hojii irraa ugguramuu isaanii maddeen eeraniiru.
Bifuma kanaan barsiisoti ammaaf hojii irraa ugguraman:
1. Barsiisaaa Misgaanuu Abbashuu
2. Barsiisaa Zalaalem Guddataa
3. Barsiisaa Saaqqataa Baqqalee fi
4. Itti Aanaa Hoogganaa, Qalbeessaa kan jedhamanii dha.
Kanneen fedha isaanii malee gara manneen barnootaa birootti jijjiiraman keessaa kan maqaa arganne:
1. Barsiisaa Yeetinayet Maammoo
2. Barsiisaa Alamaayyoo Nugusaa
3. Barsiistuu Daraartuu Darajjee
4. Barsiisaa Gammachiis Tashoomee
5. Barsiistuu Xeenaayee Tasfaayee
6. Barsiisaa Biiniyaam Taammiruu fi
7. Barsiisaa Girmaa Ofga’aa ti.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *