Artist Zarihun Wadaajoo haalaan dhukkubsate
๐๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ ๐๐๐ซ๐ข๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐๐๐๐ฃ๐จ๐จ ๐๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐๐ฌ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ก๐จ๐ฌ๐ฉ๐ข๐ญ๐๐๐ฅ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ค๐ค๐ ๐๐ซ๐ ๐๐ฆ๐ฎ ๐ฆ๐๐๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐ก๐ข๐ฆ๐๐ง.

Artistiin angafni seenaa muuziqaa Afaan Oromoo keessatti iddoo olaanaa qabu akkasumas baroota dheeraaf qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti sirboota warraaqsaan qabsoo fi qabsaawota jajjabeessaa, ummatas qabsoof kakaasaa ture Zarihuun Wadaajoo erga dhukkubsatee bubbulee jiraachuu maatiin isaa kan ibsan yoo taโu, amma kaleen isaa lameenuu hojii dhaabanii jiru jedhan.
Sirnoota darban keessa yeroo hidhaa turetti reebichaa fi dararaa irra gaheen miilli isaas miidhamuu kan himan maatiin, Artist Zarihuun Wadaajoo yaala fayyaa barbaachisu yoo argate akka fooyya’uu danda’u ogeeyyota fayyaan itti himamuu ibsaniiru.
Kana gochuuf maallaqni akka barbaachisu eeranii, ummanni Oromoo akka birmatuuf gaafatanii jiru.
Nutis kan jennu ummatni Oromoo/abbootiin qabeenyaa kanneen Art.Zarihun Wadaajoo gargaaruu dandaโan osoo inni lubbuun jiruu akka cina dhaabbatan jenna.



Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *