Ministiroonni Dhimma Alaa Jarmanii fi Firaansi Itoophiyaa keessatti hanga haqni argamutti nageenyii fi araarri amansiisaan argamuu hin danda’u jedhaniiru.
Ministeerotni Jarmanii fi Faransaayi Itophiyaa Daawwatan Itti Gaafatamummaan Jiraachuun Nagaa Waaraaf Murteessaa Ta’uu Akeekan.

Hanga haqni ba’utti araarri dhugaan jiraachuu akka hin dandeenye Jarmanii fi Faransaayi beeksisaniiru.
Ministiroonni Dhimma Alaa Jarmanii fi Firaansi Itoophiyaa keessatti hanga haqni argamutti nageenyii fi araarri amansiisaan argamuu hin danda’u jedhaniiru.
Ministeerotni biyyoota Awuroooppaa kunneen wayita Itoophiyaa daawwatanitti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin, adeemsa marii nageenyaa fi araaraa mootummaan federaalaa fi TPLF itti jiran irratti mari’ataniiru.
Wayita qaamoleen walwaraanaa turan gara nageenyaatti ce’uuf adeemsa irra jiran kanatti, malli ittiin dhiittaa mirga namoomaa fi yakka yeroo waraanaa raawwatameef haqa barbaadan jiraachuu akka qabu ministeerotni kunniin dubbataniiru.
Ministeerotni kunneen gara fuulduraatti kutaalee Itoophiyaa yakkooleen hedduun keessatti raawwataman daawwachuuf akka jiranis ibsaniiru.
Aangawoota Awurooppaa lamaan kunneen simatanii kan keessummeessan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqa Makonnin, namni yakka raawwate kamuu adabbiisaa osoo hin argatin akka hin dabarre mootummaan isaanii akka mirkaneessu ibsaniiru.
Haa ta’u malee haasawa Obbo Dammaqee kana irraa namootni baay’een shakkii akka qaban ibsamaa jira. Angawootnii fi Ajajootni waraanaa sirna PP guutuu biyyattii keessatti yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii raawwatamee fi raawwatamaa jiru jalaa dheessuuf shiroota garagaraa xaxaa turuu yaadachiisu.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *