Miseensi Gumii Sabaa ABO J/Hundee Daraaraa Sirna PPn Hidhame

Miseensi Gumii Sabaa ABO J/Hundee Daraaraa Sirna PPn Hidhame

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa miseensota ABO adamsee hidhuu kan itti fufe yoo taโ€™u, Amajjii 19,2023 kaleessa galgala saโ€™aa 7:00 ykn ALItti saโ€™aa 1:00 irratti miseensa GS-ABO J/Hundee Daraaraa mana isaatii qabuun hidhee jira

Miseensi Gumii Sabaa ABO J/Hundee Daraaraa Sirna PPn Hidhame

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa miseensota ABO adamsee hidhuu kan itti fufe yoo taโ€™u, Amajjii 19,2023 kaleessa galgala saโ€™aa 7:00 ykn ALItti saโ€™aa 1:00 irratti miseensa GS-ABO J/Hundee Daraaraa mana isaatii qabuun hidhee jira.

J/Hundee Daraaraa yakka tokkoon maleetti qaamota nageenyaa sirna PPn qabamuun buufata poolisii magaalaa Zuwaayitti hidhamee akka jiru oduun SBO dhaqqabe mirkaneesseera.

Miseensi GS-ABO J/Oromsiis Elemoos Mudde 21,2022 balโ€™eessaa malee mana jireenya isaa magaalaa Hararii qabamee magaalichumatti hidhamuun hanga harโ€™aatti hidhaa keessatti hiraarsamaa jira.

Kana malees Amajjii 13,2023ttis mootummaan Bilxiginnaa Shaashamanneetti kan argamu mana Obbo Dhaqqabaa Waariyoo erga weerarsiisee booda, maanguddoo Obbo Dhaqqabaa Waariyoo qabee hidhuun hidhaa keessatti rakkisaa jira.

Haaluma walfakkaatuun jalqaba jiโ€™a kanaattis J/Mahammad Amiin Faaris Godina I/A/Booraa magaalaa Mattuutti miseensa Koree Waajjira ABO kan taโ€™e Haadha isaa dhukkubsattee Godina Jimmaa Ona Sigimootti argamtu dubbisuuf akkuma dhaqeen caasaa Bilxiginnaa onichaan qabamee hidhaa keessatti argama.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO