Himatni osoo irratti hin banamin, kaaniif ammoo mirgi wabii eegameefii osoo jiruu, namootni kunniin himata tokko malee akkasumatti hidhamanii mana hidhaa keessa teessifamaa jiraachuu abukaatoon qondaalota ABO hidhaa jiranii Obbo Tuulii Baayโisaa yaada BBCf kennan kanaan addeessaniiru.
Abukaatoon Qondaalota ABO Mana Hidhaa jiranii, dhimma hidhamtoota kanneenii qaama gaafatan akka wallaalan BBCitti dubbatan.
BBCn gabaasa harโa fudhatee baโeen, Qondaalotni ABO olaanoon mana hidhaa jiran erga mana murtiitti dhihaatanii waggaa caaleera jechuun abukaatoon isaanii Obbo Tuuluu Baayโisaa dubbatuu hubachiise.
Qondaalonni ABO kanneen akka J.Abdii Raggaasaa, J/Mikaaโel Booran, J/Kennasaa Ayyaanaa fi J/Lammii Beenyaa faa mana murtiitti kan dhiyaatan ALI bara 2013 jiโa gannaa keessa ture jechuun Obbo Tuuliin yaadachiisaniiru. Isaan qofa osoo hin taanes, qondaalonni ABO godinoota irra jiran mirgi wabii isaanii mana murtiitti eegamuuf illee, poolisiin gadhiisuu waan dideef amma iyyuu hidhaa jiru jechuun Obbo Tuulii Baayโisaa BBCf ibsaniiru.
Himatni osoo irratti hin banamin, kaaniif ammoo mirgi wabii eegameefii osoo jiruu, namootni kunniin himata tokko malee akkasumatti hidhamanii mana hidhaa keessa teessifamaa jiraachuu abukaatoon qondaalota ABO hidhaa jiranii Obbo Tuulii Baayโisaa yaada BBCf kennan kanaan addeessaniiru.
Qondaalota olaanoo kanneen keessaa J/Abdii Raggaasaa, J/Lammii Beenyaa fi J/Daawwit Abdataa Mana Murtii Federaalaa fi Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiin yakka kam irraa iyyuu bilisa akka jedhaman ogeessi seeraa Obbo Tuuliin ni hubachiisu. J/Mikaaโel Booranii fi J/Kennasaa Ayyaanaa ammoo abbaan alangaa waan isaan himachiisu hin jiru jechuun erga bilisa taโanii akkasumatti hanga harโaatti hidhamanii jiraachuu itti dabaluun addeessu Obbo Tuuliin.
J/Dr.Gadaa Oljirraa fi J/Gadaa Gabbisaa ammoo qoratnaanis irratti hin dhihaatne, hin himatamnes kan jedhan Obbo Tuulii Baayโisaa, erga qabamanii hidhamanii kaasee akkasumatti jiru; qaama gaafannu wallaalle jechuun haala rakkisaa qondaalotni ABO mana hidhaa keessa jiran keessatti argaman BBC hubachiisan. .
Akka seera Itoophiyaatti namni tokko toโannoo jala oolee saโaatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu qabu kan hubachiisan Obbo Tuulii Baayโisaa, Qondaalonni ABO olaanoo fi miseensonni paartichaa hedduun garuu erga mana murtiitti dhiyaatanii waggaa irra darbuu himan.
Itoophiyaa keessatti amma akka seeraatti buluu fi akka humnaatti buluu gargar baasuun ulfaataa tahuu addeessuudhaan, osoo seerri hojii irra oola ta’ee silaa jarri kun saโaatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu qabu turan jechuun rakkina gama deemsa seeraa fi haqaan jiru ifa godhan.
Osoo himata irratti hin baniin, mirga wabii osoo hin eegiiniif akkasumatti nama tokko hidhanii kaaโuun ofuma isaatiin yakka dha. Osooma beekanuu, nuyis isaanitti himaa turre jedhan yaalii taasisan yoo yaadatan jechuun BBCn addeesseera.
Amma rakkoo kan ta’e eenyuun akka gaafannuu dha kan jedhan Obbo Tuuliin, Kolonel Gammachuu Ayyaanaa faa yeroo hidhaa turan dhimmi isaanii mana murtii federaalaan waan qabameef hanga mana murtii ijibbaataatti iyyachuun mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman gochuu dubbatu.
Warri kaan ammoo Oromiyaa keessatti hidhamanii jiru waan ta’eef, kan iyyattu mana murtii Onaatti waan taheef isa ammoo raawwanneerra jedhan. Garuu manni murtii Onaa namoonni kunneen bilisa gadhiisaa jedhus poolisiin Onaa ”hin beeknu, nuyi miti kan hidheโโ jechuun akka didanii jiran dubbatan. Komishinii Poolisii Oromiyaa deemanii wayta gaafatanittis nuti hin beeknu ittiin jedhamuu kan BBCitti dubbatan Obbo Tuuliin, Mana murtiitu na miidhe jettee akka mana murtii olaanaa hin deemneef manni murtii Onaa gadhiisaa jedhee murtii kenneera jechuun danqaa jiru ibsan.
Namni marti na hin ilaallatu waan jedhuuf qaama gaafannu wallaalle kan jedhan Obbo Tuuliin, silaa abbaa alangaatu itti adeemee raawwachiisuu qaba ture; poolisiinis murtii kana kabachiisuu osoo qabuu hidhee kaaโe jedhan.
Obbo Tuuliin haqa namoota kanaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Ministeera Haqaa taโuu addeessuudhaan, ministerichattis xalayaa galchuu hubachiisuun, Waajjira pirezidaantii naannoo fi waajjira Ministera Muummeettis erguu addeessan. Inumaayyu Waajjirri Ministeera Muummee xalayaa kana hin fudhannu jedhanii nutti deebisan jechuun waan isaan quunname dubbatan.
Amma akka abukaatoo isaanii osoo hin taane akka hiriyyaa taane; ogummaa seeraatiin waan isaan gargaarru hin qabnu; deemnee fayyaa isaanii gaafachuu male erga jedhanii booda, hojiin kenniinsa haqaa danqamee jira jechuun bu’aa bahii keessa darban firii dhabu himu.
Kana dura Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) miseensonni Adda Biisummaa Oromoo (ABO) haala seeraan ala ta’een hidhamanii jiran dabalatee, kanneen osoo himannaan irratti hin banamin bakka garagaraatti hidhaa irrratti argaman biroos hanga himannaan qabatamaan irratti hin dhiyaanneetti hatattamaan akka gadi dhiifamaniif gaafatee ture.

Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *