Ala Erguu Qamadii fi Beela Ummataa

<strong>Ala Erguu Qamadii fi Beela Ummataa</strong>

Ummanni miiliyoonotaan waan nyaatu dhabee karaa irratti kukkufee, kuun socho’uu dadhabee siree irratti hafee osoo jiruu, qamadii biyya alaatti gurgurachuu jechuun ummanni beela’e kun akka dhumatuuf hojjechuu jechuu dha.

Ala Erguu Qamadii fi Beela Ummataa

Balaa hongeetiin yoo xiqqaate waggoota lamaaf ummatootni impaayera Itoophiyaa keessa jiraatan, addatti ammoo ummatni Oromoo Booranaa beelaan rakkataa jiraachuu dhaabbileen addunyaa hedduun gabaasaa turaniiru. Waggoota lamaa oliif roobni dhabamuun naannoo Somaalee fi Oromiyaa keessatti ummanni miiliyeena 10 ol tahu beelaan miidhamaa jiraachuu fi gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa akka barbaadu UN dabalatee dhaabbileen idil addunyaa hedduun gabaasaa turaniiru. Beelli kun ammas hammaatee jira.

Bara dabre godinoota Oromiyaa kanneen akka Gujii, Boorana, Harargee fi Baalee keessatti balaa hongeetiin ummanni miiliyoonotaan lakkaawamu beelaan miidhamuu miidiyaalee fi dhaabbileen hedduun gabaasaa turan. Gujii fi Boorana keessatti balaa hongee kanaan beeyladni miiliyoona 2 ol dhumanii, lubbuun namootaas beelaan dhabamuu gabaasaaleen ifoomsaa turan.  Rakkoon beelaa kun ammallee akkasumatti jira. Fala hin arganne. Gargaarsi ummata dhaqqabes hin jiru. Namoonni muraasni akka dhuunfaattis tahe akka gareetti gurmaa’anii hanga humna isaanii gargaarsa godhan illee ummata miilyoonaan lakkaawamu kan beelaan miidhamaa jiru waliin yoo wal bira qabame gargaarsichi kan rakkoo beelaa furu miti.

Mootummaan biyyan bulcha ofiin jedhu ummata beelaan dhumataa jiruuf gargaarsa kennuun hafee beela’uu isaayyuu dubbachuu hin barbaadu. Gogiinsaan walqabatee beelli ulfaataan jiraachuu, beeyladootni dhumatuu, daa’imman sababa beelaan akka malee hubamuu fi sababa kanaanis miidhaan dhaqqabuu kan gabaasaa turanii fi jiran jaarmota gargaarsaa Tokkummaa Mootummootaa jala jiran kan akka OCHA faa fa’i malee, sirnichi irraa dubbachuutti hedduu qoollifate. Inumaahuu beela’uu ummataatti waan gammade fakkaata. Ummata beelaan dhumataa jiru irratti ajjeechaa, hidhaa fi saamicha geggeessaa jira. Dhaabbileen gargaarsa namoomaas akka ummata kana hin gargaarreef sababa lolaan karaa itti cufee jira.

Kan hunda caalaa nama gaddisiisu ammoo, osoo ummanni beelaan dhumataa jiruu, mootummaan qamadii alatti erguuf qophii irra akka jiru gabaafamaa jira. Waggaa tokko dura hoogganaan paartii Bilxiginnaa, Abiy Ahmad qamadii alatti erguuf qophiitti akka jiru dudubbataa tureera. Dhiyeenya kana ammoo akka jedhame tahuu baatus hanga tahe biyya ollaa Keeniyaatti gurguruuf sadarkaa xumuraa irra gahameera. Keeniyaan ollaa Booranaa ti. Akka waliigalaattuu bakki beela kanaan baay’ee miidhamee jiru ammoo Godina Booranaa ti. Waggaa 40 keessatti Booranni gogiinsaa fi beela akka ammaa kana argee hin beeku jechuun dubbatu jaaroleenis. Egaa ummata beelaan du’aa jiru bira dabarsanii ollaa isaatti qamadii gurguruun  beela ummataatti gammadanii dhiichisuu irraa addummaa kan hin qabnee dha. Kun lubbuu ummataatti qoosuu dha.

Ummanni miiliyoonotaan waan nyaatu dhabee karaa irratti kukkufee, kuun socho’uu dadhabee siree irratti hafee osoo jiruu, qamadii biyya alaatti gurgurachuu jechuun ummanni beela’e kun akka dhumatuuf hojjechuu jechuu dha. Kan ummata beelessaa jiru mootummaa tahuus kun ragaa guddaa dha. Beela’uun ummataa mootummaaf injifannoo tahuu isaa ti. Waan ummanni isaa nyaatu alatti gurguratee doolaara achi irraa argatuun rasaasa bitee ittiin ummatuma beelaan miidhamaa jiru ajjeesa.

Duraanuu lafti qonnaa  oomisha callaa gurguddaa kennu dhibbeentaan guddaan harka moorummaa fi invastaroota dhuunfaa mootummaa jalatti hojjetan harka jira. Lafa akkanaa ummata irraa fudhatanii ummata beelessuun, ummata beela’u irra dabarsanii qamadii alatti erganii, maallaqa qamadiidhaan argameen ammoo meeshaalee waraanaa shamatuun ummaticha ittiin ajjeesu. Dargiin ummata miliyoona hedduu beela keessatti dhiisee waggoota 17f lola geggeesse. Bara wayyaanee/EPRDF Erteraa lolaa turtes ummatni miliyoonni 14 ol beela keessa ture. Bara sirna PP ammaas kan mul’atu kanuma. Bittootni Itophiyaa aangootti dhufan marti aadaa fi seenaa walfakkaataa qabu kan jedhamuuf waa malee miti.

Walumaa galatti, sirnichi sirna diinummaa ummataatiin guutamee dha. Ummataaf rifaatuu qabaachuu osoo hin taane, karaa isaaf mijate maraan ummaticha ajjeesee, saamee, hidhee fi dararee bulchuuf kan carraaqaa jiruu dha. Ummanni keenya gama danda’een wal gargaaruu, waliif birmachuu qaba. Dhaabbileen gargaarsaas akka ummata kana dhaqqabaniif dhiibbaa uumuun waan fardii ti. Beelli ummata keenya harka qabee jiru kun salphaa fi waan laayyootti ilaalamu ta’uu hin qabu. Oromoon Booranaa beela kanaan akka malee miidhamee jira. Sagalee ta’uufiin fardii dha. Haalota jijjiiramoo dhufaa bulan duukaa fiiguun akkuma jirutti ta’ee, beela hin jijjiiramin ummata keenya hubaa jiru kanaaf waloon sagalee furmaataa dhageessisuun hunda ilaallata. Sirna ummata beelessee bulchuutti jiru ammoo ummanni Oromoo of irratti ilaaluu hin qabu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO