Akka maddeen naannoo sanii nuuf gabaasanitti dargggoonni Qeerroon miliishota hidhatanii jiran uleen dura dhaabbatanii of irraa deebisuun ijoollee Oromoo hidhamanii turan baraaraniiru.
Hidhattoonni mootummaa Dargaggoota dirqiin gara mooraa Waraanaa geessuuf walitti qaban dargaggoonni qeerroon Uleen faccisannii namoota walitti qabamanii turan baraaran.
Harโa jechuun Bitootessa 01/2023 guyyaa keessaa waaree booda naannoo 3:30 Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Ganda 04 jedhamuun kan beekamu naannoo Waajjira Poolisiitti Miliishoonni dargaggoota Oromoo 200 taโan dirqiin walitti qabanii gara mooraa Waraanaa geessuuf wayita jedhan Qeerroon Dargaggoonni Oromoo mormuun Milishoota uleen dura dhaabbachuun of irraa ariyanii dargaggoota qabamanii turan baraaran jedha oduun arganne.
Akka maddeen naannoo sanii nuuf gabaasanitti dargggoonni Qeerroon miliishota hidhatanii jiran uleen dura dhaabbatanii of irraa deebisuun ijoollee Oromoo hidhamanii turan baraaraniiru.
Booda Poolisoonni hedduun konkolaataan feโamanii dhaqan naannicha weeraruun dargaggoota hedduu reebichaan akka miidhan oduun arganne ibsuun, dargaggoota 15 ol taโan ammoo fuudhanii akka deeman addeessa.
Sagaleen dhukaasaa hedduun akka tures kan maddeen keenya ibsuun, namni miidhame jiraachuu akka dandaโus hubachiisan.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *