Kanaan alatti Obbo Qannoo Shiboo dhimma hawaasaa keessatti gorsaa, qajeelchaa fi ulfaataa jaarsa biyyaa turan kan jedhan jiraattotni magaalaa D.Doolloo, Odaa guddaa, utubaa fi dagaleetu nu irraa boqote jechuun jaalala isaan hawaasa keessatti qaban mulโisaniiru.
Miseensa gameessa ABO kan turan maanguddoon Oromoo Obbo Qannoo Shiboo duโaan addunyaa irraa boqotan.
Bara Mootummaa Ceโumsaa kaasee hanga gaafa duโaniitti miseensa ABO taโuudhaan qabsoo saba isaanii keessatti qooda mulโataa kennaa kan turan maanguddoo Oromoo Obbo Qannoo Shiboo, dhukkubsatanii Hospitaala Naqamteetti waldhaanamaa erga turanii booda, guyyaa kaleessaa Bitootessa 02,2023 duโaan addunyaa kana irraa darbaniiru.
Dirqama qabsoo dhaaba isaanii irraa itti kennamaa ture of qusannaa malee raawwataa kan turan oggaa taโu, addatti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Dirree Dhihaatti gadhaabuuf hojii qabsoo ABOn hojjechaa ture keessatti Obbo Qannoo Shiboo qabeenyaa fi maallaqaan gargaarsa olaanaa godhaa akka turan seenaan qabsoo isaanii ni mulโisa.
Sab-boonummaa qabaachuu fi miseensa ABO taโuu isaanii qofaaf bara mootummaa wayyaanee/EPRDF waggoota 10f Maaโikalaawwiitti hidhamanii dararamaa kan turan maanguddoo Oromoo Obbo Qannoon, bara 2018 wayta Hogganni ABO gara biyyaatti deebiโu, simannaa Jila ABO magaalaa D.Doollootti godhame kanneen adda durummaan qindeessaa turan keessaa isaan tokko turan.
Kanaan alatti Obbo Qannoo Shiboo dhimma hawaasaa keessatti gorsaa, qajeelchaa fi ulfaataa jaarsa biyyaa turan kan jedhan jiraattotni magaalaa D.Doolloo, Odaa guddaa, utubaa fi dagaleetu nu irraa boqote jechuun jaalala isaan hawaasa keessatti qaban mulโisaniiru.
Sirni awwaalcha maanguddoo Oromoo Obbo Qannoo Shiboo harโa Bitootessa 03,2023 bakka miseensotni, deggertootnii fi ummatni balโaan magaalaa D.Doolloo argamanitti raawwatameera.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo maatii, firootaa, hiriyootaa fi hawaasa D.Doolloof jajjabina hawwa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *