Waggoota shanan dabran kana, akka waan Oromoon aangoo qabatee jirutti beekaa fi wallaalaa, firaa fi alagaatiin yommuu afarfamu ni dhaga’ama. Kun sababoota lama irraa madduu mala. Sababni duraa, warri sirnicha irraa fayyadamoo tahe sirnichi akka ummata Oromoo irraa deeggarsa argatuuf yaadanii ti. Faayidaa fi aangoo sirnicha irraa argatan tikfachuuf ummata afanfaajjessanii sirna nafxanyaa ammayoomee fi abshaalome jala hiriirsuuf dhama’u.
Sababni biroon, wallaalaa fi hubannoo dhabiinsa irraa taha. Maalummaa sirnaa fi aangoo nam-tokkee beekuu dhabuu irraa waan dhufu taha. Nama tokkicha ykn namoota muraasa aangoo gurguddaa qaban laalanii akka sirnichi kan Oromoo taheetti warra fudhatanii dha. Kun dogoggora guddaa dha.
Gabaasa Jaarmaa Dubartootaa fi Daa’immanii ABO Biyya Alaa kan March 8 Guyyaa dubartootaa kutaa 3ffaa fi xumura
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *