Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Godina Shaggar Lixaa keessatti yakka ummata nagaa irratti raawwatu itti fufe.

Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Godina Shaggar Lixaa keessatti yakka ummata nagaa irratti raawwatu itti fufe.

Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Godina Shaggar Lixaa keessatti yakka ummata nagaa irratti raawwatu itti fufe.

Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Godina Shaggar Lixaa keessatti yakka ummata nagaa irratti raawwatu itti fufe.

Ummata nagaa qe’ee isaatti itti dhaqee gooluu fi miidhaa adda addaaf saaxiluu hojii kan godhate waraanni mootummaa Bilxiginnaa, Godina Shaggar Lixaa Ona Midaa Qanyii keessatti yakkoota adda addaa kan akka saamichaa, reebichaa, manneen qonnaan bulaa barbadeessuu, qabeenya waldoota amantaa mancaasuu fi qabeenya ummataa saamuu bal’inaan raawwatuu maddeen oduu gabaasaniiru.

Keessumaa Ona Midaa Qanyii ganda Garaadoo jedhamu keessatti Bitootessa 26-30,2023tti guyyoota afuriif yakkootni olitti tarrisaman kunniin ummata nagaa irratti raawwatamuu hubachiisu maddeen kunniin.

  • Haaluma kanaan qabeenya Waldaa Makaana Yesuus hedduu kan saaman oggaa ta’u, soolaara, keyboardii fi teessoo 500 ol caccabsaniiru.
  • Bifuma walfakkaatuun Waldaa Muluu Wangeel jalaa ammoo qabeenya waldichaa saamuun, soolaara, keyboardii fi teessoo hedduu gadi guuranii caccabsaniiru.
  • Manneen ummataa humnaan seenanii midhaan kan guurratan yoo ta’u, Obbo Garramuu Irrafuu jalaa midhaan kuntaala 80 ol saamaniiru.
  • Obbo Baqqalaa Bulbulaa irraa mana gubanii, midhaan kuntaala 40 ol ta’u jalaa fudhaniiru.
  • Obbo Shallamaa Battuulee mana irraa gubanii, midhaan kuntaala 25 ol duraa fudhatan.
  • Guyyoota afuran kana keessatti midhaan ummataa kuntaala 350 ol ta’u saamuudhaan magaalaa Ona Midaatti akka fe’atan maddeen gabaasaniiru.
  • Kana malees, horii ummataa 700 caalan fudhachuuf kan walitti qaban yoo ta’u, hanga ammaatti 40 ol kan ta’an ammoo qalanii akka nyaatan eerameera.
  • Suuqii/dukkaana Obbo Leencoo Naggasaa keessaa mi’a birrii 120,000 olitti shallagamu saamaniiru.
  • Suuqii/dukkaana Obbo Kabbadaa Garramuu irrattis saamicha geggeessaniin mi’a birrii 90,000 ol baasu fudhatan.
  • Suuqii/dukkaana Obbo Lalisaa Shuumii keessaas mi’a birrii 120,000 olitti herregamu fudhataniiru.
  • Mana kuusaa Shiishoos gubanii kan barbadeessan yoo ta’u, maanguddoo ganna 70 Obbo Garramuu Faanaa irratti reebicha ulfaataa raawwatuun miidhaa jabaa akka irraan ga’an maddeen kunniin ifoomsaniiru.
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO