Gurmuun Jaarmayoota Oromoo Addunyaa Guutuu, Haleellaa Hamaa Hayyoonni Amaaraa Saba Oromoo Irratti Raawwataa Jiran Balaaleffate.

Gurmuun Jaarmayoota Oromoo Addunyaa Guutuu, Haleellaa Hamaa Hayyoonni Amaaraa Saba Oromoo Irratti Raawwataa Jiran Balaaleffate.

Waan taheef, Ummanni Oromoo hayyoota/elitoota Amaaraa hookkara uumanii Finfinnee irratti ibidda qabsiisuun gaaga’amaa fi jeequmsa uumuuf dhaadatan irraa ofii fi magaalota isaa (Finfinnee fi kanneen biroo) akka tiksu waamicha taasise.

Gurmuun Jaarmayoota Oromoo Addunyaa Guutuu, Haleellaa Hamaa Hayyoonni Amaaraa Saba Oromoo Irratti Raawwataa Jiran Balaaleffate.

Gurmuun jaarmayaalee Oromoo Guutuu Addunyaa 51 of jalatti hammate ibsa Bitootessa 30, 2023 baaseen, dabaa-cubbuu, dhugaa jallisuu, burjaajii uumuu fi seenaa dabsanii akka dantaa isaanii qofa tiksutti dhiyeessuudhaan yakka hamaa leellistoonni sirna Habashaa, hayyoota Amaaraa ofiin jedhan saba Oromoo irratti raawwataa jiran cimsee balaaleffatee jira.

Ammayyuu birokraasii caasaalee mootummaa Itoophiyaa %74 caalaa ol’aantummaadhaan kan dhuunfatanii fi qabeenya ummatoota, sabootaa fi sab-lammoota biyyattii hedduu kan to’atan hayyotni/elitoonni Amaaraa seenaa, aadaa, afaanii fi amantii isaanii ummatoota biroo irratti fe’uu erga amaleeffatanii jaarraa tokkoo ol lakkoofsisanii jiru jedha, gurmuun dhaabbilee lammummaa, ogummaa, abukaatummaa, mirga namoomaa fi hawaasa Oromoo addunyaa guutuu ibsa isaa kanaan.

Amaarotni leellistoota sirna nafxanyaa, yeroo hunda gatii ummatootni Itoophiyaa keessaa baasaniin, Habashummaadhaan dahatanii dantaa ol’aantummaa isaanii akka tarkaanfachiisan kan eere ibsichi, wayta muummichi ministeeraa Abiy Ahmad Itoophiyaa gara bara sirna Mootoma Amaaraa duriitti deebisuuf waadaa gale, Habashootni gammachuudhaan macha’anii, Nabiyyii (Musee) keenya jaarraa 21ffaa jedhanii faarsan. Deggarsa isaatiinis garee finxaaleyyii Faannoo jedhamu ijaaranii Tigraay, Oromiyaa, Sidaamaa, Beenishaangul-Gumuz fi kkf irratti lola duguuggaa dhala namaa fi sanyii bal’eessuu labsan. Adda waraanaattis isa waliin duuluudaan ummatoota kanneen lafa irraa bal’eessuudhaan lafoota akka Walqaayit, Raayyaa, Wallagga, Wallo, Shawaa, Karrayyuu, Darraa, Matakkalii fi kkf fudhachuu kaayyeffatanii isa faana hiriiranii turan jechuudhaan, dantaa nafxanyummaa tiksuuf hojjechuu Abiyitti gammadanii jala shurshuraa turuu isaanii addeessa ibsi kun.

Amma garuu jedha ibsi jaarmayootni Oromoo 51 baasan kun, amma wayta Abiy Ahmad waadaa gale raawwachuu dadhabee, erga TPLF waliin waliigaltee nagaa mallatteessee booda, hayyotni/elitoonni Amaaraa Abiyyii fi mootummaan isaa “Onagaawii” ta’e (akka jecha isaaniitti ABO’ome) jedhanii himachuudhaan isatti garagalaniiru jechuun ifa godha.

Lellistoonni sirna nafxanyaa hayyoota/eliitota Amaaraa ofiin jedhan kora guddaa Amaaraa Bitootessa 26 – 27, 2023tti magaalaa guddittii Ameerikaa, Waashingitan DC-tti gaggeeffatan irratti, waliigaltee araaraa faallessuudhaan, duula sanyii duguuggaa fi dhala namaa lafa irraa qulqulleessuu Oromoo, Tigraay, Benishaangul-Gumuz fi kkf irratti taasisaa jiran itti fufuuf kutannoo qabaachuu labsuun isaanii ni yaadatama.

Mirga gurmaa’uu ummanni Amaaraa qabu kan kabajnu tahus, kabaja dhabuu, of tuulummaa fi haleellaa hamaa hayyotni/elitoonni Amaaraa ummata Oromoo fi kanneen biroo irratti raawwataa jiran cimsinee balaaleffanna; gonkumaa fudhatama akka hin qabnes gadi jabeessinee hubachiisna jedhe ibsi jaarmayoota Oromoo 51, tibbana bahe kun.

Itti fufuunis, labsii kora Amaaraa dabaa-cubbuu, dhugaa jal’isuu, burjaajii uumuu fi seenaa dabsanii akka dantaa isaanii qofa tiksutti dhiyeessuudhaan kan guutamee dha erga jedhee booda, kanaafis sababootaa fi ragaalee qabu qabxiilee hedduu jalatti tarrisaan kaa’ee jira.

Muummeen Ministeeraa Abiy Ahmad Adda Bilisummaa Oromoo, TPLF fi jaarmayoota bilisummaaf qabsaawan biroo irratti akka duuluuf hayyootni/eliitotni Amaaraa deggarsa guutuu laatuufiin, hanga ammaatti waajjiraaleen ABO hundi mootummaa hayyoota/eliitota Amaaraa akkasumas barreessitootaa fi hogganootuma Vision Ethiopiatiin deggaramee Bilxiginnaadhaan cufamanii jiraachuu, fedhii fi dantaa leellistoota Habashaa/Amaaraa guutuuf jecha, hogganootni ABO hundi jechuun ni danda’ama -mootummaa Abiy Ahmadiin hidhamanii manneen hidhaa keessatti laamsha’aa jiraachuu, kana irraas miseensonnii fi deeggartoonni ABO kan hafan WBOtti makamuun sirna gara-jabeessa kana irratti qabsoo hidhannoo gaggeessuuf dirqamuu hubachiise. Ibsi kun qabxiilee biroos tuquudhaan sobuu, dhugaa jal’isuu fi burjaajii uumuudhaan olola Abiyyii fi ABO walqabsiisuuf hayyootni/eliitonni Amaaraa tibbana itti jiran saaxilee jira.

Abiy Ahmad akka kaleessaa waadaa gale sanitti sirna nugusummaa fi ol’aantummaa Amaaraa Itoophiyaa keessatti dhugoomsuu waan dadhabeef rakkoo jiru karaa nagaa mariidhaan furuuf taa’uuf kan dirqame yoo tahu, Habashootni waadaa saboota biyyattii irratti duguuggii sanyii raawwate dantaa Amaarummaa tiksuuf gale hojiitti hiikuu dadhabuu isaa irraa aarii fi gaabbiin liqimfamanii, ABO fi Ummata Oromoo irratti duula geggeessuuf Oromummaa Abiy Ahmad akka meeshaatti itti fayyadamaa jiru jechuudhaan gochaa isaanii kanas balaaleffatan.

Gurmuun Jaarmayoota Oromoo Addunyaa Guutuu 51 tahanii kun ibsa isaa kanaan dhimmi irratti fuuleffate inni biraan ammoo, of tuulummaa fi hiika seenaa akka dantaa isaanii qofa tiksutti tajaajilamuu Amaarotaa ti. Habashootni Kora guddaa Amaaraa tibbana gaggeeffatan irratti hayyootni/eliitonni Amaaraa mootummaa Impaayera Itoophiyaa isaan uumuu fi bulchiinsa isaanii ummatoota gadi hafan irratti fe’uu walitti makanii haasawaniiru.

Dubbiin jabduun Habashootni tibbana kora isaanii irratti kaasan, isa qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyitii jedhan san, sabni Oromoo naannawa kanatti akka haaraa dhufeetti, lafa Amaaraa weeraree fi Ummata Amaaraa cunqurseetti seenessuudhaan qubattummaa, weeraraa fi cunqursaa ol’aantummaa Amaaraa mirkaneessuuf Oromoo fi saboota biroo Impaayerattii keessa jiran irratti raawwatamaa bahe haguuguuf yaalan.

Falmiin kunis, seenaa ummatoota Itoophiyaa keessa jiran hundaa haquuf yaalii godhame irraa kan madde, of tuulummaa hayyoota/elitoota Amaaraa daangaa dabre dha jedha gurmuun Jaarmayoota Oromoo kun.

Kanuma waliin of tuultonni Amaaraa kunneen duula duguuggaa sanyii fi lafa irraa dhabamsiisuu Ummata Oromoo irratti gaggeessaa jiranitti quufuu dhabanii hamilee isaa cabsuuf jecha, saba Oromoo maqaa arrabsootiin waamuu filatan kan jedhe gurmuun kun, gaanfa Afrikaa keessatti sabni maqaa leellistoonni sirna Habashaa jibba Oromummaa qaban ittiin waaman kanaan of waamu tokko illee hin jiru; maqichi sammuudhuma Amaarota wallaaltotaa fi of-tuultotaa keessa qofa jira jedheera.

Seenaa Ummata biraa tahe jedhanii itti yaadanii jal’isuu fi sobaan dhiyeessuun of- tuultota Amaaraa kun, gonkumaa fedhii ummata Amaaraa hin tajaajilu, akkasumas seera bu’uuraa addunyaa guutuu kan haqaa, nagaa, nageenyaa, tasgabbii fi guddina saba tokkoo wajjin kan walsimu hin miti.

Hayyootni/Elitoonni Amaaraa lafa Oromoo, Tigraay, Benishaangul- Gumuzii fi kkf, kan akka Walqaayit, Raayyaa, Matakkal, Wallagga, Shawaa, Darraa, Finfinneeeeee fi kkf humnaan fudhachuuf dhaadataa jiru. Lafti kun garuu yoom iyyuu taanaan, kanuma abbootii qabeenyaa isaanii warra lafaa ta’an isa jalqabaa ti; kan Amaaraa ta’uu hin danda’an.  

Waan taheef jedha gurmuun jaarmayoota Oromoo Addunyaa guutuu ibsa isaa kanaan, qabiyyee lafaa kana seeraan ala abbootii lafichaa jalqabaa irraa dhuunfachuuf yaaliin hokkaraa kamuu, hayyoota/elitoota Amaaraa maqaa ummata Amaaraa hiyyeessaan daldalan kun deemsi isaanii kun fedhii ummata Amaaraa waliigalaa tahuu baatus, ummaticha gatii guddaa kafalchiisa jechuun akeekkachiise.

Ummatootni Itoophiyaa hundi akeeka maraattummaa hayyoota/elitoota Amaaraa kan ofittummaa fi babal’ifattummaa irraa madde kana, karaa qajeeltowwan dimokraaasii mirga hiree murteeffannaa fi of bulchiinsaa guutummaa addunyaatti fudhatama qabaniin dura dhaabbatanii dhimmoota falamsiisoof akka furmaata argamsiisuuf hojjetan waamicha taasiseera.

Yaaliin elitoota Amaaraa namummaa dhabsiisuu, sheexanoomsuu, tuffachuu, xiqqeessuu, maqaa balleessuu fi seenaa fi naannoo ummatoota biroo barbadeessuu, lolli duguuggaa sanyii fi dhala namaa lafarraa qulqulleessuu Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru akka itti fufuuf qofa akka gumaachu kan hubachiise ibsi kun, waan taheef, hawaasni addunyaa maraatummaa elitoota Amaaraa kana akka jala bu’ee hordofuu fi  jecha fi gocha isaaniitiif itti gaafatamummaaf akka dhiyeessu waamicha taasise.

Waggoota afran darban mootummaan PP Abiy Ahmadiin durfamu ilaalchaan dantaa hayyoota/elitoota Amaaraa tiksaa turuu kan yaadachiise gurmuun Waldaalee Oromoo addunyaa guutuu kun, hayyootni/elitoonni Amaaraa Finfinnee wiirtuu jeequmsaa taasifatuudhaan hokkaraa fi karaa danda’ameef maraan masaraa Minilik dhuunfachuuf duulaa jiraachuu eere.

Waan taheef, Ummanni Oromoo hayyoota/elitoota Amaaraa hookkara uumanii Finfinnee irratti ibidda qabsiisuun gaaga’amaa fi jeequmsa uumuuf dhaadatan irraa ofii fi magaalota isaa (Finfinnee fi kanneen biroo) akka tiksu waamicha taasise.

Kanuma waliin Abiy Ahmed fi mootummaan isaa wallaaltotaa fi of-tuultota kanneen irraa guutummaatti adda bahuun eenyummaa namummaa Oromoo xiqqeessuu fi eenyummaa Saba Oromoo irratti haleellaa bananiif akka itti gaafataman yaadachiisuu barbaanna.

Gurmuun dhaabbilee lammummaa, ogummaa, abukaatummaa, mirga namoomaa fi hawaasa Oromoo addunyaa guutuu 51 of jalatti hammate kun maayii irrattis,  amala ofittummaa, akka saboota biroo irratti ol’aantummaa qabaniitti of ilaaluu akkasumas ofii uumtuu fi eegduu Mootummaa Itoophiyaa godhanii of muuduu hayyoota/elitoota Amaaraa guutummaatti kan hin fudhannee fi morminu tahuu hubachiisuu barbaanna jechuudhaan ibsa isaa guduunfeera.

===============================================================================================================

Maqaan dhaabbilee gurmuu kana jalatti hammatamanii akka tartiiba qubeetiin warreen itti aanani:

Advocacy4Oromia, Bilal Oromo Dawa Center, Canaan Oromo Evangelical Church, Charismatic International Fellowship Church, Washington DC-Maryland and Virginia DMV Oromo Islamic Center, Finfinne News Network, Gaadisa Sabboontottaa KP, Global Gumii Oromia, Global Oromo Inter-Faith Council, Gurmuu Baha Oromiyaa, Gurmuu Hawaasa Oromoo Siwiidin, Global Oromo Communities Association, Global Waaqeffannaa Council, Gurmuu Hayyoota Oromoo, Hegeree News Network, Horn of Africa Genocide Watch, Human Rights League of the Horn of Africa, Jabdu: Oromo-American Women’s Council, JIRRA Permanent Humanitarian Fund for Oromos, Mana Kiristaanaa Fayyisaa Addunyaa, Macca & Tulama Association, Network of Oromo Studies, Oromo Community of Arizona, Oromo Community of Washington DC, DMV, Oromo Community of Minnesota, Oromo Community of UK, Oromo Community Organization of Pennsylvania, Oromo Communities’ Association of North America, Oromo Community of Columbus Ohio, Oromo Community of Oslo, Oromo Community of Switherland, Oromo Evangelical Lutheran Mission Society, Oromo Human Rights and Relief Organization, Oromo Human Rights Organization, Oromo Professionals Group, Oromo Relief Organization, ORA in USA, Oromo Scholars and Professionals Group, Oromo Seniors Welfare & Benevolent Association In Victoria (OSWBAV) Inc., Oromo Society of Science and Technology, Oromia Support Group, Oromo Women Association UK, Our Redeemer Oromo Evangelical Church, Qubee MN, Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa, Tawfiq Islamic Center, Tumsa Sochii Haqa Oromoo, Union of Oromo Communities in Canada, United Oromo Chirstian Church in Australia, United Oromo Evangelical Church, Union of Oromo Communities in Germany, Washington DC Metropolitan Oromo SDA Church.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO