Mootummaan PP Hogganootaa fi Qondaalota ABO Dabaan Hidhaa Keessatti Gidirsaa Jiru Gadi-dhiisuu Qaba.

Mootummaan PP Hogganootaa fi Qondaalota ABO Dabaan Hidhaa Keessatti Gidirsaa Jiru Gadi-dhiisuu Qaba.

Jaarmiyaaleen mirgoota dhala namaaf falman kan naannoo fi Addunyaa akkasumas Hawaasni Addunyaa mootummaa Bilxiginnaa seeraaf hin abboomamne irratti karaa danda’aniin dhiibbaa akka godhan irra deebiin gaafatna.

Mootummaan PP Hogganootaa fi Qondaalota ABO Dabaan Hidhaa Keessatti Gidirsaa Jiru Gadi-dhiisuu Qaba.

Ijoo Dubbii ABO – Ebla 11, 2023

Hogganootnii fi qondaalotni ABO toora waggoota sadi’iif manneen hidhaa garagaraa keessatti gidiraa argaa turanii fi jiran kan yeroo ammaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman haalli fayyaa isaanii guyyaa irraa gara guyyaatti sadarkaa yaadchisaatti deemaa jira.

Hogganootnii fi qondaalotni dhaaba keenyaa waggootaaf manneen hidhaa keessatti gidirsamuun dhukkuboota adda addaaf saaxilamanii sadarkaa lubbuu isaaniifuu sodaachisaa irra ga’ee jiru kunniin, bal’eessaa tokko malee hidhaman. Waan miseensa ABO ta’anii fi ejjennaa siyaasaa isaanii qofaaf hidhaman malee, yakka raawwatan tokko illee hin qaban. Hidhamtoota Siyaasaa ti. Yakka sobaa tolfameen himataman irraa bilisa ta’uu isaanii murtiilee adda addaa yeroo garagaraatti manneen murtii laachaa turan irraa hubachuun ni danda’ama.

Mootummaan murna Bilxiginnaa abukaatoo olaantummaa seeraa of godhee lallabu, ofumaaf seera cabsuudhaan, murtii manni murtii kennu fudhatee hojii irra oolchuu diduun, badii malee hidhee hidhaa keessatti kan itti roorrisuu fi dhukkubootaa fi haalota mana hidhaa keessaan kan itti taphatu hogganootaa fi qondaalota ABO gadhiisuu didee dhukkubootaan akka dhumaniif yakka irratti raawwataa jira.

Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti kan argaman jaallan keenya, gariin isaanii dhibeelee adda addaa yoo waldhaansa ga’aa fi hordoffii malu hin arganne lubbuu isaaniif sodaachisuun qabamaniiru. Dhukkuboota kana keessaa inni tokkoo fi ulfaataan dhibee Tiruu  Hepatitis Viral jedhamu yoo ta’u, J/Abdii Raggaasaa fi J/Gadaa Gabbisaa dhibee kana baatanii hidhaa keessatti ittiin rakkataa jiru.

Kanaan alatti ammoo J/Kennasaa Ayyaanaa dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhibee dugdaan akka malee kan dhukkubsataa ture yoo ta’u, erga yeroo dhihootii haala qorra mana hidhaa irraa dhibeen dugda isaa itti hammaachuu fi dhibee Diiskii godhatuu irraa sadarkaa of danda’ee deemuu dadhabuu irra ga’ee haala yaaddessaa keessa galee jira.

Jaallan keenya kunniin gaafa mana jireenya isaaniitii qaamota nageenyaa mootummaa Bilxiginnaan qabaman nagaa kan qaban, sossohanii hojii dhaaba isaanii kan raawwataaa turan yoo ta’u, har’a garuu daba sirnichi ta’e jedhee ABO gaadi’uu qofaaf miseensota isaa irratti raawwateen jireenyi isaanii mana hidhaa ta’ee dhukkubootaan gadadamaa, miidhamaa jiran.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman Miseensa SHG-ABO J/Abdii Raggaasaa, dhuma baatii Amajjii bara 2019 kan hidhame, Miseensa SHG-ABO J/Mikaa’el Booranii fi Miseensa GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa, Waxabajjii 30,2020 mana jireenyaa isaanii keessaa kan waliin qabaman, J/Dr.Gadaa Oljirraa Itti gaafatamaa Waajjira ABO Gullallee Mudde 20,2020 mana jireenyaa isaa keessaa kan qabame, J/Daawit Abdataa fi J/Lammii Beenyaa Adoolessa 12,2020 kan hidhaman, akkasumas J/Gadaa Gabbisaa Bitootessa 19,2021 kan hidhaman hanga har’aatti murtii mana murtii malee murna PPn hidhaa keessatti ittisamanii hiraarsamaa jiru.

Jaallan kunniin seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii qaamotni garagaraa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itophiyaa, Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itophiyaa, Manneen Murtii kan sadarkaa adda addaa fi kkf yeroo garagaraatti ibsa baasaniin yakka irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuun gadhiifamuu akka qaban ajaja kennaa turaniiru. Mootummaan PP garuu hanga guyyaa har’aatti haqa isaanii irra taa’ee hidhaa keessatti itti taphata.

Sirni mootummaa Bilxiginnaa yakka tokko malee hogganootaa fi qondaalota dhaabichaa haqa isaanii irra ejjetee mana hidhaa keessatti ugguree dhukkubootaan hiraarsaa jiru kana haal-duree tokko malee akka gadhiisu ammas irra deebinee jabeessinee hubachiifna.

Jaarmiyaaleen mirgoota dhala namaaf falman kan naannoo fi Addunyaa akkasumas Hawaasni Addunyaa mootummaa Bilxiginnaa seeraaf hin abboomamne irratti karaa danda’aniin dhiibbaa akka godhan irra deebiin gaafatna.

Addatti ummatni Oromoo keessaa fi alatti argamu hogganoota isaa umrii isaanii qabsoo kanaaf laatanii fi qabsichaan ala homaa hin qabne kanaaf sagalee ta’uu, akka isaan hidhaa irraa ba’aniifis karaa danda’amu hundaan dhiibbaa godhaa turan jabeessanii akka itti fufan, waan danda’aniin karaa Dhaaba isaanii cina dhaabbachuu akka itti fufan irra deebisnee yaadachiisna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 11, 2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO