Goolessitootni Hidhattoota/Faannoo naannoo Amaaraa Oromoo Walloo irratti lola haaraa qabsiisuu maddeen gabaasan.

Goolessitootni Hidhattoota/Faannoo naannoo Amaaraa Oromoo Walloo irratti lola haaraa qabsiisuu maddeen gabaasan.

Humni finxaaleyyii Amaaraa Oromoota Walloo irratti ammas lola bane

Goolessitootni Hidhattoota/Faannoo naannoo Amaaraa Oromoo Walloo irratti lola haaraa qabsiisuu maddeen gabaasan.

Humnoonni Amaaraa hidhattootni Faannoo kan keessatti argaman Ebla 10,2023 har’a barii obboroodhaan Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Ona Jiillee Dhummuugaa ganda Alaalaa bakka addaa Dirric jedhamutti haleellaa banuu maddeen mirkaneessaniiru.

Lola har’a finxaaleyyiin Amaaraa Oromoota Walloo irratti banan kanaan kanneen du’an keessaa maqaan namoota 5 fi warra madaa’e keessaa ammoo maqootni namoota 5 adda ba’ee jira. Haaluma kanaan kanneen du’an maqaan arganne:

1) Ahmaduu Mahammad Hajii – Ganda Dullaa

2) Mahammad Ammiishaa – Ganda Baxxeerraa

3) Aliyyii Mahammad Hajii – Ganda Warra Abboo

4) Umar Alii Admashaa – Ganda Warra Abboo fi

5) Mussaa Mahammad Xinnaa – Ganda Warra Abboo yoo ta’an kanneen madaa’an keessaa kan maqaa arganne ammoo:

1) Ahmadee Baxxee – Ganda Arbaafanoo

2) Abdallaa Hassan – Ganda Arbaafanoo

3) Aliyyii Ahmad Umar – Ganda Gooroo Bordogee

4) Aliyyii Hasan Usmaan – Ganda Arbaanfanoo fi

5) Ahmad Umar Ammee kan jedhamanii dha.

Naannoo Amaaraa keessatti meeshaa hin hiikkannuun walqabatee guutummaa naannichaa keessatti hokkorri dhalateera.

Hiriirotni, karaa cufuu, sochii geejjibaa kutuu fi hidhattoota naannicha keessa jiranii fi RIB gidduutti meeshaalee gugurdaa dabalatee walitti dhukaasuun mul’ataa akka jiru maddeen idil addunyaa dabalatee bal’inaan gabaasamaa jira.

Hiriira mormii kaleessa magaalaa Gondoritti geggeessame hordofee har’a qoqqobbiin yeroo wanneen adda addaa baay’inaan ugguru komandpostiin magaalattii irratti akka darbes gabaasameera.

Finxaaleyyiin naannichaa humni Faannoo hiree kanatti gargaaramuun Oromoo Walloo diinomsatanii jiran irratti lola bal’aa banuu irraa waan if booda hin deebineef, ummatni keenya dammaqinaan naannoo isaa hordofuu qaba jechuun sab-boontotni dhaamsa dabarsaniiru.

Walloo qofa irraan osoo hin taane, karaa Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaanis humnootni badii kunniin akkuma baran ummata nagaa irratti lola banuu fi lubbuu baasuu waan itti fufanii jiraniif, ummatni keenya daangaa irra jiru of dagachuu akka hin qabne dhaamsi sab-boontotaa kun dabaluun hubachiisa.

No photo description available.
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO